1.  Haala Waliigala Gabaasichaa fi Uwwisa Isaa
Gabaasni manneen murtii Godina Gujii kan kurmaana 3ffaa bara 2006 kanaa hojiilee akka waliigalaatti hojjetamaa turan kutaa sadiitti qooduun dhiyeessinee jirra. Isaanis:- seensa, uwwisaa waliigala gabaasichaa, hojiilee gurguddoo fi rakkoolee hiikamaan hammachiisuun kutaadhaan adda baasuun dhiheessineera.

Gabaasa kana keessatti waxabajjii 16/2005 hanga gabaasni kun qophaa’eetti, Bitootessa 30 bara 2006tti, hojiilee gurguddoo hojjetamanii fi raawwii waliigala hammachiisuun dhiyeessinee jirra. Kunis Manneen murtii Godina keenyaa kurmaana 3ffaa kana keessas kallattii karoorfameen gama qulqulinaa hojii KTAS, bilisummaa fi itti gaafatamummaa A/Seerummaa mirkaneessuun hojjechuu, dhaqqabamummaa tajaajila kennamuu dabaluu fi gahuumsa hojjettootaa dabaluun tajaajila daran fooyya’e kennuuf sochii fi tattaaffiin taassifamaa tureera.

Hojiilee gurguddoon KTAS akka Manneen Murtii Godina Gujiitti hojjetaman, rakkoolee qunnamee fi furmaatni kenname qaama kutaa sadaffaa gabaasa kanaa ta’ee dhiyaatee jira.Akka waliigalaatti hojiilee gurguddoo KTAS foyyeessuun ergamaa fi mul’ata Manneen Murtii keenyaa galmaan gahuuf sochii taassifame dhiheessinee jirra. Raawwii Hojii bara baajataa kanaa hanga ammaa hojjetaman duub-deebii gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa  irratti akka hanqinaatti nuuf kenname irratti hojjennee  raawwii hojii bara baajataa darbe hanga kurmaana 3ffaa jiru iddoo tokko tokkootti wal-cinaa qabnee fooyyee jiru ararsiisuuf dhiyeessinee jirra. Dhuma irrattis gabaasni keenya rakkoolee raawwii irratti nu muudatanii fi furmaata isaanii kan hammateedha.


2. Hojiilee Gurguddoo Karoorfamanii fi Rakkoolee Hiikuuf Yaadamee ture.

Meeshaalee jijjiiramaa jiran harcaatii tokko malee hojiirra oolchuu, qulqullina tajaajila Abbaa seerummaa mirkaneessuun rakkoo qulqullina murtii keenyaarratti mul’atan hambisuu, tajaajila kenninu dhaqqabamaa taassisuu fi hawaasatti dhiyaatanii yeroo gabaabaa keessatti tajaajiluun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun, bu’aa ba’ii hawaasarra ga’u hambisuun hawaasni misooma irratti yeroo isaa akka oolchuu fi baasii hin malleef  akka hin saaxilamne taassisuuf karoorfamee irratti hojjetamee jira.
 Bilisummaa fi itti gaafatamummaa qaama abbaa seerummaa  mirkanneessuun  amantaa uummataa horachuu, muuxxannoo gaggaarii baballisuun milkaa’ina argame itti fufsiisuu, too’annoo fi hordoffii taassisuun gabaasa keenya dhugaa irratti kan hundaa’e walii dabarsuu, haala keessummeessa keenya daran fooyyessuuf hojiin gaariin hojjetamee jira. Marii wal ijaarsaa  hojjattoota gidduutti taassisuudhaan naamuusa manni hojii barbaadu qabaachuun kallattii sirreeffamaa taassisuun hawaasa naamuusa badaa balaaleffatu uumuun rakkoon naamusa badaa akka dhabamuuf itti gaafatamummaan kan mirkanaa’e ta’ee humna namaa qabnu misoomsuun hooggansa gahuumsaan mana hojii hoogganu uumuun ergama Mana Murtii galmaan gahuu danda’uun qaama karoora keenya ta’ee hanqina gama kanaan jiru dhabamsiisuuf irratti hojjetamee jira. Gama biraan ammoo  qaamota alaa waliin walitti dhufeenya sirnaa fi seera irratti hundaa’e uumuun manni murtii hubannoo akka argatu taassisuun ijaarsaalee waajjira mana murtii Muraasa nu hafe itti fufsiisuun xumursiisuun haala mijjawaa hojii uumuun akkasumas hojiilee akka raawwataman saganteeffaman hojiirra oolchuun isaan gurguddoodha.
Haaluma Kanaan kurmaana 3ffaa kana keessatti hojiilee gurguddoo hojjetamanii fi rakkoolee qunnamaniif furmaata kennaa akka waliigalaatti sochii ture haala karoorfameen  akka deemamu xiyyeeffannoon irratti hojjechaa turre akka itti aanutti gabaafnee jirra. Rakkooleen akka hiikaman Karoorfannee hojjechaa turre.
Qulqullina hojii keessattuu kallattii tajaajila abbaa seerummaatiin mul’atu daran fooyyessuu, sirna keessummeessa keenyaa daran fooyyessuu fi qajeelfama sirnaan hojiirra oolchuu, abbootii dhimmaa dhagahuun gaaffii isaaniif fala seeraa kennuun miira tajaajiltummaan  hojjachuun amantaa hawaasni Mana Murtii irraa akka qabaatu taasisuu, meeshaalee jijjiiramaa manneen murtii keessattu SMBKT hojiirra oolchuun wal-qabatee hir’inoota kan akka hubannoo furuu,  hooggansi sadarkaa Aanaatti jiru keessattuu xiyyeeffannoo akka kennu taasisuu, hanqina hubannoo fi ilaalcha hojjetaa maqsuu fi gahuumsa hooggansaa cimsuu ,aadaa gamtoomanii hojjechuu dhugoomsuu, rakkoon naamusa badaa bifa isaa jijjiirrachuun hojjattoota Mana Murtii biratti calanqisu akka baduu fi hawaasa Manneen murtii naamusa ol’aana qabu horachuuf sochii taassisuu, komii keessaa fi alaa xiqqeessuuf hojjachuu, sirna BQHN qajeelfama fi danbii jiruun deeggaramuun hubannoo uumuu, hubannoo hawaasnii fi qaamoleen adda addaa Mana Murtiif qaban cimsuun qaamolee haqaa waliin hojjachuu, hubannoo uumameen ijaarsa waajjiraalee manneen murtii Aanaa muraasaa hafan kurmaana darbe keessa xumursiisuu dandeenyee jirra. Rakkoo nu muudatan akka gareettis ta’ee adeemsatti marii tokko shanee, gareenii fi waliigalaa irratti ofumaan hiikkachaa deemuu aadaa taasisuun sochiin wal irraa hin cinne kurmaana kana keessas itti fufee jira.
3.      Karooricha galmaan gahuuf kallattii ittiin socho’amaa turee fi ciminoota jiran.

Manneen murtii Godina keenyaa ergamaa fi mul’ata qabatan galmaan gahuuf bara baajataa kana keessa karoora qopheefachuu irra eegalee hanga gabaasni kun dhiyaatutti kallatti adda addaan sochii gurguddaa taassisaa turanii jiru. kunis :-
Dhimmoota qulqullina murtii keenyaa irratti dhiibbaa qaban adda baasuun cheek liistiin hordoffii taasisuu, Marii wal ijaarsaa fi wal irraa hincinne taasisuun, rakkoo adda baasanii beekuu danda’uu, koree fooyya’insa sirna haqaa fi qaamolee haqaa waliin marii yeroo yeroon taassisuun hubannoo uumuun dhaddacha naannawaa akka babal’atu, baajata keenya bu’uura karooraan hojiirra oolchuuf akkasumas qisaasamni qabeenya mootummaa (keessattuu kaffaltii A/seerummaa sassaabamu) irratti  akka hin muudanneef  hordoffiin fi odiitiin(xiinxalli herregaa) taassifamaa turee jira. Meeshaalee jijjiiramaa Mana Murtii hojiirra oolchuuf kurmaana kana keessa hojiin hubannoo uumuu gurguddaan kan hojjetame  yoo ta’u, dhimmoonni RTD  fi ADR tiin xumura argachuun dabaluu, murtiin keenya qulqullinni isaa dabaluu, waliigalanii qaamota biroo waliin hojjachuun isaan angafoota dha.
Gama kaaniiin kurmaana 3ffaa kana keessa hooggansi Mana Murtii ol’aanaa irra jiru Aanaalee irratti doo’annaa taasisaniin qaamolee adda addaa fi hawaasa irraa kallattii komeen Manneen Murtii keenya irratti ka’u adda baasuun karoora keenya galmaan ga’uuf akka galteetti fayyadamnee jirra.
4.   Tarsiimoo Sadarka Ol’aanaatti qabamee jiru.
Manneen murtii Godina Gujii SMBKT (BSC) qoratame keessatti ergama, mula’ta, toora xiyyeeffanoo hubachuunii fi meeshaa jijjiiramaa guddaa ta’uu hubannee milkaa’ina hojii keenyaaf barbaachisoo waan ta’aniif ittiin hojjechaa turreera, ammas itti fufiinsaan ittiin hojjechaa jirra. Isaanis akka armaan gadiitti  dhiyeessinee jirra.
Ergama manneen murtii keenya
ü  Tajaajila abbaa seerummaa heeraa fi seera irratti hundaa’e qulqulluu , si’awaa , dhaqqabamaa fi  bu’a qabeessaa ta’ee gahuumsaa fi bilisummaan kennuu.

Mul’ata Keenya
Bara 2012 Mana Murtii ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun amantaa uummataa horatee biyya keenya keessatti fakkeenya ta’ee akka argamu godhuu.

Dhuudhaalee Mana Murtii keenya.
1, Bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa (judicial independence and accountability) 
2, Beekumsaa fi gahuumsaa (knowledge and competency)
3, Miira tajaajilummaa ( sense of stewardship)
4, Iftoomina (Transparency )
5, fayyalummaa (propriety)
6, Al- loogummaa fi walqixxummaa (impartiality and equality)
7, Tilmaamamoo (predictability)
8, ejjennoo gaarii (Integrity)

Toora Xiyyeeffannoo Keenya:
1,  Qulqullinaa tajaajila Abbaa Seerummaa
                     Bu’aan eeggamu-Tajaajila Abbaa Seerumma Haqaa mirkaneesse
2. Bilisummaa fi Itti gaafatamummaa A/seerummaa
                  Bu’aan eeggamu:-Tajaajila A/seerummaa Heeraa fi seera irratti hundaa’e kenname.
3. Dhaqqabamummaa tajaajila A/seerummaa
                    Bu’aaa eeggamu:-Tajaajila A/seerummaa Itti dhiheenyaa fi haala salphaan kenname.

5.    Raawwii Iskoor Kaardii Manneen Murtii keenyaa:-
Manneen Murtii Godina Gujii sanada SMBKT isaanii keessatti haala qabatamaa mana hojii isaanitiin manni kaawwatanii hojjechaa turanii jiru. kanas  Karoora waggaa fi kurmaanaatti cacabee itti hojjetamee bu’aan argames bu’uura guboo safartuuleen madaalamee jira. Haaluma kanaan raawwiin hojii garee, adeemsaalee fi manneen hojii Godina Gujii uunkaa itti aanuun gabaafamee jira.

Madaalliin raawwii hojii akkaataa SMBKT geggeeffame bar -gaaffii qooduu, doo’annaa taassisuun, ragaalee jiran saampilii fudhachuudhaan kan geggeeffameedha. Walumaagalatti hojii irra oolmaa SMBKT hordofee Manneen Murtii keenya bu’uura sanada SMBKT irra taa’e irratti hundaa’uun raawwii mana hojii keenyaa gabatee armaan gadii keessatti ka’uumsa, Mannii fi raawwii hojii kurmaana 3ffaa  bara 2006  dhiyeessinee jirra.

        Lakk.

Kaayyole  e Tarsiimo’aa
Safartuulee Raawwii
Ka’umsa
Mannii
Raawwii 2005(ka’uumsa 2006)
Manni 2006
Raawwii bara 2006 kurmaana kurmaanaan
2002
2007
2005
 2006
Kur1ffaa
Kur.2ffaa
Kur. 3ffaa


1
              Lammii
Amantaa Ummatni Mana Murtii Irratti Qabu Dabaluu
1.        Amantaa  dabale (%n)
60
90
77.1
86

79.61

Gara  Gahiinsa Ummata/Lammii Guddisuu
2.        Gara gahiinsa  dabale (%n)
54
90
79
85

80

Fayyadamummaa uummataa guddisuu
3.        Komii xiqqaate  (%n)
50
10
30.2
20

27


2
Faayinaansii             
Bu’a-qabeessummaa Baajataa Fooyyessuu
4.        Bajata hojii karoorfameef oole %
94
100
99
99.5
99.1
99.5
99
Itti fayyadama Qabeenyaa Fooyyessuu
5.        Qisaasama  qabeenyaa hir’ate (%n)
25
1
13.3
7
11
9.50
8






3





                                           Adeemsa hojii keessaa











3.Adeemsa Hojii Keessaa
Kenniinsi Murtii Tilmaamoo fi Barsiisoo Guddisuu
6.        Murtii walfakkatoo seera irrati  hundaa’anii kennaman
60
85
75.3
80
76
77.6
78.50
7.        Murtii  qajeeltoowwan  murtii eegatanii kennaman %
60
85
75
80
76.4
78
78
8.        Tilmaamamummaa murtii dabale %
65
90
75
80
76.25
77.80
79
Madaalamummaa Adeemsa Falmii Guddisuu
9.        Duudhaalee  bu’uuraa madaala’ummaa adeemsa falmii kan eeggate %
65
95
72
85
75.1
78.35
78.23


Si’aayina Tajaajilaa Dabaluu
10.     Dandeettii raawwii galmee /clearance rate/ %
108
115
100
114
114.2
103.2
120
11.     Yeroo turmaata galmee /congestion rate/
1.11
1
1.00
1.01
1.O9
1.09
1.1
12.     Kuufama galmee /backlog/
0.1
0
0.12
0.01
0.09
0.10
01
13.     Daangaa  Yeroo  kaa’ame keessatti  dhimmoota furmaata argatan%
85
99
97.7
97
97
77

Hubannoo hawaasaa Cimsuu

14.     Hirmaanna uummataa dabale
30
80
50
60
52.50
55
57.77
15. Hubannoo hawaasaa dabale %
50
100
77
88
80
82.2
85
16.Deeggersa argame (mil.)
.033
.5
1.71
0.40
1.857
1.939035
2.010024
Mijaa’ina  Tajaajila Abbaa Seerummaa Dabaluu
17.Mijaa’ina Tajaajilaa Dabale %n
63
95
75
85
77.5
80
82
Hariiroo  Hojii  Seera Giddu  Galeessa Godhatee Cimsuu.

18.Gidu-seentummaa xiqqaate %n.
30
5
18
12
16.50
15
13.33
19.Wal-tajjii waliinii bu’uura karooraan gaggeeffame %n
50
100
77
78
77.25
77.50
75.81
Muuxannoo gaggaarii madaqsuu fi babal’isuu
20. Muuxannoo gaggaarii argaman akka Mana Murtiitti
8
28
14
22
14
14
14
21. Muuxannoo gaggaarii babal’atan lakk.
8
28
14
22

14
14
14

Qunnamtii Odeeffannoo Cimsuu


22. Odeeffannoo teekinoolooji ammayyaan deggerame lakk.

5

25

13.99

19

15.24


16

18



Dandeettii Raawwachiisummaa Dabaluu
23.Dandeetti Raawwachiisummaa Dabale % n
65
95
76
86
78.50
81
85
 24. Qooda dubartootaa hooggansa keessatti dabale %
0
50
37
48
39.75
42.50
42.50
25. Gahee dubartootaa hojii Mana Murtii keessati dabale %
18.18
50
41
47
43
44.39
44.39


Dhiyeessaa fi Itti Fayyadama Teekinoolojii Dabaluu
26. Dhiyeessa teeknoloojii dabale /walsimiinsa fedhii fi dhi’eessii/ %
20
85
44
69
50.25
56
63
 27. Hojjattoota tekinolojii  fayyadamuu danda’an %
40
86
59
70
62
64.78
67.26


Aadaa fi mijaa’ina Naannoo hojii fooyyessuu
 28. Garagahinsa  hojjetoota  dabale %
50
95
74
82
76
78
80
 29. Hojii gad-lakkisuu hojjetoota xiqaate  %
4
0
1.1
0
0.1
0.12
2.73
 30. Hojjettoota hubannoo ergamaa , mul’ata fi  dudhaalee  irrati qaban dabale %
40
100
71
80
73
75.25
77
 31. Baayyina manneen murtii dhimmoota seektaroota hundaa idileessan %
20
80
58
65
60
62
63.30


Itti gaafatammumaa Cimsuu
 32. Dandeettii adabsiisuu dhimma himannaa naamusaa dabale /conviction rate/  %
80
100
92
97
93.50
95
96

Meeshaalee jijjiiramaa akka waliigaalatti akkaataa qajeelfama MMWO irraa nuuf darbeen leenjii leenjistootaa kenninee hubannoo hojjetaan qabu akka dabalu taassifamee jira. Hojiin kurmaana kana keessa hojjetames hubannoon dura ture cimee kan hojjetamee fi bu’aa barbaadamu fideedha. Bu’uuruma kanaan akkaataa qabxii armaan olitti gabatee keessatti ibsame irraa hubatamuun  danda’amuun hojiin guddaan hojjetamuudha. Hojiin hojjetamee  raawwiin hojii kurmaana 3ffaa safaramee dhiyaate hojii kallattii madaalli Faayinaansii, Adeemsa Hojii Keessaa fi Ijaarsa fi Dandeettiinii dha. Haaluma gabatee keessaa hubachuun danda’amuun manneen murtii Godina Gujii keessa raawwiin hojii jiru jajjabeessaa ta’uu argina. Kunis kallattii madaallii sadan kanaan bu’aan barbaadamu argamuu hojii  safarre kanaan hubannee jirra. Kanas kurmaana itti aanus cimsinee kan itti fufnu ta’a.
6.    Tarkaanfiwwan Tarsiimo’aa Qabaman keessatti Hojiileen gurguddoo  raawwataman
Gamaaggama raawwii hojii kurmaana lammaffaa irratti hiree gabaasa dhiyeessuu argannee ciminnii fi hanqinni keenya nuttyi himamee jira. Nutis cimana akka ciminaatti qabannee hanqina keenya maqsuuf sochii guddaa taassifnee jirra. Raawwii bara baajataa darbee hanga kurmaana sadaffaa tures ilaallee fooyyee jirus gabaasa kana keessatti agarsiisuuf yaallee jirra. Qorannoo SMBKT geggeeffameen ergamni , mul’atni , toorri xiyyeeffannoo fi kaayyooleen tarsimmowwaan akka galmaa gahaniif tarkaanfiiwwan tarsiimawaa bu’uura karoora qabameen adda baasanii irratti hojjechuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan tarkaaniwwan tarsiimawaa adda bahanii hojiileen gurgudoo fi sochiin taasifaman akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru. 
7.1. Sagantaa Murtiiwwan Barsiisoo fi Tilmaamamoo Itti kennaman,maxxanfamanii fi Raabsaman
Murtiin Manneen Murtii Godina Gujii barsiisoo fi tilmaamamoo akka ta’uuf falmiin bu’uura seeraa fi sirna jiruun akka geggeeffamu akkasumas tajaajilli dhaddacha ifaatti akka kennamu taassifamee jira. Haaluma kanaan dhimmoonni xiyyeeffanoo barbaadan kan akka dhimma daa’immanii, dubartootaa, kotorobaandii, invastimantii, bosonaa fi kkf xiyyeeffannoon  itti kennamee hojiin jajjabeessaan  hojjatamee jira.
Marii garee gareen jiru irratti abbootiin seeraa keenya seerota falmisiisoo ta’an irratti kan mari’atan ta’ee guyyaa guyyaan ammoo dhaddachoonni walitti aananii jiran seerota irratti ejjannoo qabanu wal jijjiiruun tilmaamamummaa murtii keenyaa kan fooyyessaa jiruudha. Murtiilee fi ajajoonni Mana murtii keenyaan kennamanii hundumtuu kompiitara qofaan akka barreeffaman taassifameera. Labsiilee hojii keenya guyyaa guyyaan  nu barbaachisan kan guuttanne ta’ee murtiilee dhaddacha Ijibbaataa federaalaas bitachuun, isa soofti kooppiin jiru hanga jildii 14ffaa kompiitara irratti fe’achuun itti hojjechaa jirra.
Qulqullina fi saffina tajaajila Murtiin kompiitaraan barreeffamuun ga’ee mataa isaa kan qabuu dha. Mana murtii Ol’aanaa keessatti murtii hunduu kompiitaraan kan  barreeffamu yoo ta’u, manneen murtii Aanaalee hedduunis laap-tooppii waan guuttataniif  haala gaarii irratti argamu.
Kurmaana sadaffaa kana keessa murtiin dhimma kotorobaandii mana murtii ol’aanaa irratti ilaallamaa turee abbaan konkolaataa adabamee konkolaataan mootummaaf galii akka ta’u taassifamee fi dhimmi gudeeddaa daa’ima tokko filatamee akka maxxanfamu ta’ee jira. Kunis raawwii hojii karoorfamee hanga amma osoo hin raawwatamin jiruu kurmaana kana keessa raawwatamee fi gara fuula duraa cimee itti fufuudha.
 Hojimaataa fi haala hojii mana murtii kan ibsu barruulee qopheessuun hawaasichaaf raabsuun  kurmaana 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa keessas itti fufee raabsamee jira. Keessattuu miidhaa ragaan sobaa qaqqabsiisu, raawwii hojii Manneen Murtii Godinichaa, haala dhimmi jaarsummaan furamuu fi faayidaa isaa  akkasumas abbootiin dhimmaa keenya ulaagaalee guuttachuu qaban dirqamaa fi mirga isaaniin wal qabatee fi sirna kakuu yeroo  ammaatti hojiirra jiruun wal qabatee ibsa kan qabu barruun raabsamee jira. Kakuu qajeelfama kakuu irra jiru akkaataa amantaa fi safuu uummata naannoo waliin walsimuun qopheessinee kutaalee dhaddachaatti maxxansuun itti fayyadamaa jirra.
Mana Murtii Aanaa  Hanballaa Waammannaa irratti falmii siviilii irratti qaamaan deemuun dhimma qulqulleessuun ni jira. Kunis komii qaamni tokko bakka ani hin    jirretti dhimmi qulqullaa’e jedhu hanbisee jira. Hawaasni dhimma falmii akka hubatuu fi ragaa bahu taassisee jira. Kunis hubannoo hanga tokko ni kenna jennee kan abdanuu, bu’aas argamsiisee jira.
7.1.1. Qulqullina Murtii fi Hordoffii Kallattii Qorannoo SMBKT tiin gaggeessuu
Gabaasa kurmaana 2ffaa akka waliigalaatti Godinaalee muraasni dhiyeessan irraa ka’uudhaan muuxannoo, hanqina, cimina jiru adda baafachuun Dookimantii gamaggaama raawwii hojii  gaggeeffame  duub-deebii kennamee fi kallatti fuul-duraa nu dhaqqabe haala qabatama Godina keenyaan sanada qopheessun hawaasa mana murtii ol’aanaa hundaa fi mana murtii aanaalee hundaa dhaqqabee akka irratti mari’atan taasifamera. Gama kanaan bu’an argame karoora qabamee galmaan gahuuf kan gargaru muxannoo iddoo biraa ofitti fudhachuun ittiin hojjeechu,hanqiina jiruu adda baafachuun irratti hojjechuu, cimina jiruu itti fufiinsaan hojjechuun ijjenno tokkoon kan irratti waligalameedha. Akkaataa qorannoo JBAH irra taa’een guutumaan guutuutti ittiin hojjechuu fi uunkaa lakk.1-5 qopheessun kan ittiin hojjetama jiruudha. Hojii guyyaa guyyaan hojjetaman galmeeffacha kan deemama jiruu ta’uu isa gama  kanaanis sa’aatii hojii mootuummaa kabajuu, si’aayina jiru kan dabalee ta’uu isa, amanta uummata caalaatti kan nu horachiisu ta,uu isa, qulqullina irratti akka xiyyeffannoon hojjetamuu kan gargaareedha.
Kurmaana sadaffaa kana keessa hojiin murtiilee kennaman odiitii gochuu sirnaan hojjetamee jira. Galmeeleen ilaallamanis dhimmoota kotorobaandii, ajjeechaa dagannoo, gudeeddaa, bosona, invastimantii, galmee raawwii walumaagalatti galmeen 125 dha. Dhimmoota sochii irra jiranis karaa Garee inispeekshinii oolmaan guyyaa guyyaan hordofamaa turee jira.
Galmee murtii argatan kana haaluma karoora keessatti qabameen koree Abootii fi O/seeraa hammate miseensa shan qabu ijaarree odiitii gochaa kan turanii jiru. Koreen kunis odiitii kan taassise sanada qorannoo ILQSO fi muuxannoo biyyoota gurguddaa fudhachuun kan hojjetameedha. Odiitii godhameen wanti ilaallamuu danda’ame galmeen manneen murtii keenyaan hojjetaman qulqullina kan qaban, madaalamummaa adeemsa falmii kan eegan fi darbee darbee hanqinni jiraachuu ilaallee jirra.  Hojiin waliigalaa akkaataa JBAH tin beellamuun murtii kennuu, si,ayinaan hojechuu, murtoon ulaagalee seera barbaadamu guutamee barra’uu, ilaalcha kiraa sassaabdummaa gama kanaan calaqisuu hirdhiisun danda’ameera. Tajaajilli abbaa seerummaa Seera fi heera qofa irratti hunda’un waan kennamuuf amantaa uummata horachuun danda’ameera. Qulqullina irratti xiyyeeffannoo kennamee galmeen odiitii godhamaa waan jiruuf naamusa badaa kanneen akka ammaalajummanii fi waliitti dhufeenyaan hojechuu hir’atee jira. 


Sirna madaallii bu’a karoora tarsiimoo qoratamee manneen murtii Godina Gujii haala qabatamaa Godina Keenyaan walsimsiisuun hojiitti hiiknee itti hojjechaa jirra. Murtiileen manneen murtii keenyaan kennaman barsiisoo, tilmaamamoo fi madaalamummaa adeemsa falmii eeganii kennamuu raawwiin hojii karaa koree madaallii geggeeffamee jira. Haaluma iskoor-kaardii keenya jalatti ibsameen madaalliin raawwii hojii adeemsa hojii fi garee geggeeffamee bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu hubannee jirra.
Meeshaan jijjiiramaa, sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo, akka Godina keenyaatti lafa qabatee jiru hojjetaan haaraa qacaramus hubannoo horatee akka hojiitti galu hojiin hubannoo uumuu hojjetamee jira. Kurmaana darbe keessa o/seera seeraa fi raawwattoota galmee cufanii haaraa qacaraman leenjiin hubannoo uumuu paakeejii meeshaalee jijjiiramaa kanneen akka JBHA, SMBKT, Raayyaa jijjiirama haqaa, Chaartarii Lammiilee fi Teeknooloojii Qunnamtii Odeeffannoo irratti kennamee jira. Aanolee Godinicha keessa jiran keessattis haaluma walfakkaatuun hojiin hubannoo hojjetaa haaraa biratti uumuu akka itti fufiinsaan hojjetamu taassifamee jira. Raawwii hojii guyyaan guyyaan, torbanii fi ji’aan akkasumas kurmaana 3ffaa keessa ture hordoffii cimaa keessa waan darbeef bu’aa abdachiisaa argamsiisee jira. Kanas akkaataa sirni madaallii bu’aa karoora tarsiimoo heeyyamuun walitti qabnee kan kurmaana 3ffaa madaallee qaama gabaasa kanaa goonee gabaafnee jirra.
 7.1.2.  Marii Seerota Irratti Gaggeessuu Fi Hubannoo Jiru Cimsuu.
Manneen murtii keenyaan murtiileen kennaman duudhalee seera adeemsa falmii eeggatanii akka kennamaniif ragaan dhiyaatu sirnaan xiinxalamee murtiin haqaa akka kennamu mariin abbootii murtii jidduutti seerota bu’uura fi adeemsaa irratti geggeeffamaa turee jira. Mariin kunis idilaa’ee garee yakkaa fi siivilii biratti itti fufiinsa akka qabaatu taassifamee jira.
Haaluma kanaan akka garee Hariiroo Hawaasaatti bara baajataa kana keessa hanga gabaafni kun qophaa’utti abbootiin seeraa garee siviilii marii  labsii lafa baadiyyaa lakk.130/99 keessattuu kwt 16 irratti, seera deemsa falmii siviilii keewwata 358  ilaalchisee namni murtiin bakka inni hin jirretti kenname murtii mormuuf haala kamiin dhiyaachuu akka qabu, s/d/f/s/kwt 420 jalatti dhimmi ol’iyyannoon dhiyaatee murtii kan argate yoo ta’e mormiin eessatti dhiyaachuu akka qabuu fi haala raawwii keewwatichaa irratti mariin geggeeffamee jira. Seera d/f/s/kwt 421 jalatti qaamni qabeenya raawwiif qabame ykn  kabajame irraa mirga qabu himannaa mirga qabaachuu isaa argisiisu dhiyeechuu akka danda’u tumamee jira. Himanaan dhiyaatu galmee raawwii irratti ta’uu qaba moo of danda’ee dhiyaachuu qaba kan jedhu irratti mariin geggeeffamee hubannoo walfakkaataan uumamee jira. Seera
Gama garee yakkaan abbootii seeraa dhaddacha yakkaa jidduutti galmeen hedduun abbootii seeraa sadiin kan moggaafaman waan ta’eef mariin guyyaa guyyaan geggeeffamaa turee jira. Haaluma kanaan mariin keewwata seera adabbii yakkaa keewwata 543(1)(2)(3), 359,360, 98, 200,140, 211,60,61, 413, 420 , 539 , 540 fi 541 irratti geggeeffamee jira. Keessattuu marii bal’aan keewwata 540, 541, 78 fi 82(1)(d), sadarkaa fi gulantaa qajeelfama adabbii keessa ta’ee sababoota adabbii cimsan S/A/Y/Kwt 84 jala ta’an irratti geggeeffamee jira. Mariin himannaa dhuunfaan dhiyaatu fi A/Alangaan dhiyaachuu qabu seera adabbii yakkaa kwt 211 fi s/d/f/y/kwt 42 fi kan itti aanan irratti geggeeffamee jira. Mariin danbii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa lakk. 151/2005 keewwata 33(1) irratti marii geggeeffamee jira.
Akka waliigalaatti mariin seerota irratti geggeeffamu marii bara darbe hanga kurmaana sadaffaa ture caalaa babal’atee sirnaan dagaagee jira. Kanas Abbootiin seeraa dhaddacha dhaddachatti deemuun marii fi lamiin geggeeffamee hubannoo fi ejjennoon walfakkaataan akka uumamu taassisee jira.
Leenjii karaa qaama ol’aanaa A/seeraa hiree argataniin fudhatame A/seeraa hafaniif gahuuf mariin mana hojii keessatti geggeeffamaa turee jira. Dabalataan manneen murtii Godina Gujii keessatti qulqullina tajaajila Abbaa Seerummaa daran cimsuuf mariin seerota garaagaraa irratti  geggeeffamaa turee jira. Mariin kun kan geggeeffamu seerota walxaxoo ta’anii fi iddoo hubannoon waliigalaa barbaachisaa ta’ettiidha. Marii kana geggeessunis murtiin kennamu tilmaamamaa fi walfakkaataa akka ta’u kanaanis amantaan uummataa horatamee jira.


7.1.3  kitaabotaa fi Seerota Guuttachuu fi Manneen Kitaabaa  Cimsuu
Manneem murtii keenya keessatti murtiilee qulqullina qaban kennuuf beekkumsa, gahuumsaa fi dandeettii seeraa qabachuun barbaachisaa waan ta’eef manneen murtii keenya kitaabolee waabii adda addaa fi  seerota guuttachuun aadaa dubbisuu hojjetaa cimsachaa jiru. Haaluma kanaan manneen murtii keenya kitaabolee fi seerota akkasumas murtiilee dhaddacha ijibbaataa haardi kooppii fi soofti kooppiin horachaa deemuun qulqullina murtii kennamuu daran fooyyessee jira. Manneen murtii Godina Gujii hojjetaan hunduu amala dubbisuu horatee dandeettii isaa akka gabbifatu gochuuf waggottan darban manneen kitaabaa banachuun hojjechaa tureera. Manneen kitaabaa gurmeessuun bara hojii darbes kan ture yoo ta’u hanga xumura kurmaana sadaffaa kanatti kitaabolee hedduu bitachuu dandeenyee jirra. Hanga gabaafni  Kurmaana 3ffaa kun dhiyaatutti manneen kitaaba jiranitti hojiin kitaaba, labsii, danbii, murtiilee fi kkf  guuttachuu akka armaan gadiitti gabatee gabaasaan dhiyaatee jira.
Uunkaa 2, Manneen Kitaabaa Baballisuu fi cimsuun wal-qabatee hojiin hojjatamee.
Llakk.
Maqaa mana murtii
Baay’ina Kitaabilee dabalataan guutamanii
Baayyina labsii, danbii , murtiilee kkf
Hanga 2005
Haaraa bara 2006
Hanga 2005
Haaraa bara 2006
Ku.1
Kr.2
Kr.3
Kr.4
W/G
Kr.1
Kr.2
Ku.3
Kr.4
W/G
1
MMO
952
124
10


1086
201
-
-


201
2
MMA Liiban
107
-
9
41

157
20
3
-
25

48
3
MMA Adoolaa
-
12
-
4

16
-
9
-
3

12
4
MMA Qarcaa
47
-
-
16

63
-
-
7
7

14
5
MMA O/Shaakkisoo
5
-
3


8
4
1
4


9
6
MMA Booree
32
-
-
12

44
53
-
-


53
7
MMA Sabbaa Boruu
7
-
9
7

23
-
-
137


137
8
MMA Uraagaa
-
-
137
22

159
-
-
-
26

26
9
MMA Waadaraa
1150
136
31
9

1326
278
13
148
-

439
10
MMA Girjaa
4
-
-
3

7
20
-
-
4

24


  7.1.4. Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan Adda Baasuun Gaggeessuu fi    Sirna Hojimaataa.
Manneen murtii Godina Gujii akka qaama mootummaatti tarsiimoowwanii fi Imaammata mootummaa milkeessuuf kan hojjetanii fi itti gaafatamummaa kan qabaniidha. Bu’uuruma kanaan dhimmoota karoora keenya keessatti qabannee fi karoora guddinaa fi tiraansformeeshinii keessatti qabamanii fi guddina hawaas-diinagdee biyya keenyaa keessatti shoora ol’aanaa qaban addaan baafnee irratti hojjechaa turree jirra. Akka manneen murtii Godina Gujiitti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan kanneen akka dhimmoota investimentii, kotorobaandii, malaanmaltummaa, daa’immanii, dubartootaa, bosonaa, galii mootummaa, balaa tiraafikaa, shororkeessummaa, lafa baadiyyaa fi magaalaa, yakka bu’uraalee misoomaa irratti raawwatameef xiyyeeffannoon kennamee hojjechaa turree jirra. Dhimmoota kana dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan jechuun adda baasuu qofa osoo hin taane A/Seeraa gahuumsaa fi naamusa qaban dhaddachatti ramaduun hojiin gaariin hanga xurura kurmaana kanaatti  hojjetamee jira.
Dhimmoota daa’immaniin walqabatee dhaddachi addaatti dhaabbate jiraachuu baatus haala mijjeessuun A/Seeraa teessoo dhaddachaa irraa gadi bu’uun daa’immanii  dhimmoota daa’immanii akka keessummeessan godhamee jira. Kunis daa’imman sodaa tokko malee dhimma dhufaniif mana murtiitti himanii akka deebi’an gochuun danda’amee jira.
Dhimmoota galii mootummaa, bosonaa fi kotorobaandii ilaalchisee hojiin gaariin kurmaana 3ffaa keessa hojjetamuu danda’ee jira. Godinni Gujii seensa karaa Somaaliyaa irra waan jiruuf sochiin kotorobaandii ni jira. Mana murtii ol’aanaa irratti dhimmoota dhiyaatan murtii tilmaamamaa fi barsiisaa ta’e kennuun hojiin gaariin hojjetamee jira. Manneen Murtii Godinni Gujii dhimmoota bosonaa hedduu kan keessummeessan ta’uun ni beekkama. Nutis dhimmoota manneen murtii keenyatti dhiyaatan haala hawaasni naannoo irraa barachuu danda’uun murtii kennaa jirra. Akka waliigalaatti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan ilaalchisee kurmaana 3ffaa keessa hojii jajjabeessaan hojjetamee jira. 
   
  7.1.5. Dhimmoota Dhi’aataniif Si’aayinaan Murtii Kennuu.
Mana murtii ol’aanaa irratti bara baajataa darbe hanga kurmaana 3ffaatti galmeem socho’aa ture 1056 yoo ta’u bara kana hanga ammaatti galmeen 1245 dha. Kunis galmee 189 ykn 15.185 dabaluu argisiisa. Bara baajata 2006 kana keessatti dhimmoota bara darbe irraa as ce’anii fi kanneen haaraa banaman dabalatee kan akka waliigalaatti manneen murtii keenyaaf dhiyaatan sadarkaa Manneen Murtii Aanaatti 98%, sadarkaa mana murtii ol’aanaatti 95%, akka manneen murtii Godina Gujiitti 96.5 murteessuuf karoorfamee jira.
Akka Mana Murtii Ol’aanaatti galmeen hanga kurmaana 3ffaa tti dhiyaatee ilaallamaa ture 1245 yoo ta’u, kana keessaa galmee 1155 murtii argatee jira. kurmaana itti anuutti kan ce’e galmee  90 dha. Kun dhibbeentaan yoo ilaallamuu Mana Murtii Ol’aanaa irratti 92.80% raawwachuu kan argisiisuu fi garaagarteen karooraa waliin qabu 2.22% ta’uu hubanna. Humna namaa xiqqaa qabnu mariissifnee raawwii kurmaana 2ffaa irratti 83.55% ture ol butuu dandeenyee jirra. Akka Manneen   murtii Aanaaleetti hanga gabaasni kun hojjetametti Galmeen ilaalamaa turan  7455 yoo ta’u murtii kan argatee galmee 6965  ta’ee kurmaana itti aanutti kan darbee galmee  490  dha. Raawwiin galmee manneen murtii Aanaalee 93.50% ta’uu argisiisa, kunis raawwii kurmaana darbe 83.86 ture gara 93.50% ol baasuu keenya mul’isa.
Manneen  murtii shariyaa Godinaa fi aanaalee Godina Gujii tiif galmeen 285 kan dhiyaate yoo ta’u kana keessaa murtii kan argate galmee 265 yoo ta’u gara kurmaana itti aanutti kan ce’e galmee 20 dha. Raawwiin galmee shariyaa 93 % ta’uu argisiisa.
Walumaagalatti hanga xumura kurmaana 3ffaatti akka Godina keenyatti galmeen  8985  dhiyaatee kana keessaa galmee 8385 ta’e irratti murtii kennuun  %  93.40  raawwatameera. Kunis raawwiin keenya kurmaana darbee 83% ture kurmaana kana gara 93.40 % guddisuu dandeenyee jirra. Raawwiin galmee kun dabaluu kan danda’e duub-deebii manni murtii waliigalaa gabaasa kurmaana 2ffaa irratti kenne fudhannee hawaasa mana murtii mariissifnee xiiqiidhaan waan hojjetameef jijjiirama dhufeedha.
Sadarkaa Mana Murtii ol’aanaatti galiin kennaa tajaajila abbaa seerummaa tiin argamee qar. 267,744.95 (kuma dhibba lamaa fi kuma jaatamii torbaa fi dhibba torbaa fi afurtamii afur  fi beessee 95/100 ) yoo ta’u sadarkaa Manneen Murtii Aanaalee immoo qar. 576,269.00 ( kuma dhibba shanii fi kuma torbaatamii jahaa fi dhibba lamaa fi jaatamii sagal fi beessee 00/100) sassaabamee jira. Walumaagalatti qar. 844,013.95 ( kuma dhibba saddeet fi kuma afurtamii afurii fi kudha sadii fi beessee 95/100) galiin argameera.
Akka mana murtii ol’aanaatti Abukaatoo ittisaa tokko kan qabnu yoo ta’u, namoota abukaatoo dhuunfaan dhaabbachuun hin dandeenye seeraan abukaatoo argachuu qabaniif tolaan tajaajila kennaa turanii jiru. Bu’uuruma kanaan abukaatoon ittisaa mana murtii ol’aanaa galmee 262(dhibba lamaa fi jaatamii lama) irratti dhaabbatanii tajaajila kennanii jiru.
      7.2. Sagantaa Muuxannoowwaan Gaggaarii Madaqsuu fi Babal’isuu
Manneen murtii keenya tajaajila A/Seerummaa hawaasa keenya garaa gahu kennuudhaaf, rakkoolee jiran maqsuu fi kenna tajaajilaa keenya fooyyessudhaaf waggoottan darban  keessa sirni  hojimaataa fi hojiileen haaraan hojii irra oolaa turuun isaanii ni beekama. Sirna hojimaataa fi hojiilee haaraa kana  akka muuxannoo gaariitti fudhachuu fi babal’isuudhaan karoora  keenya bara 2006 kanaa milkeessudhaaf kan nu gargaaru ta’ee, kallattiidhaanis akka meeshaatti fayyadamuudhaan sagantaa ‘muuxannoo gaggaarii madaqsuu fi babaldhisuu’ qabannee  irratti karoorfannee hojjataa turreerra.Kanaanis milkaa’ina argame tokkoon tokkoon akka itti aanutti gabaasnee jirra.
    7.2.1. Hojiilee Dhimma Sekteroota Hundaa Ilaallaman Madaqsuu fi Idileessuu 
Akka biyyoolessaattis ta’ee akka naannoo keenyaatti hojiin dhimmoota seektaroota hundaa ilaallatan (cross cutting issue) manneen hojii mootummaa keessatti akka idila’an karoora Guddina fi Tiraansfoormeeshinii keessatti dhimma xiyyeeffannoon guddaan kennameefiidha.
Manneen Murtii Godina Gujii keessattis dhimmi kun xiyyeeffannoo argatee kurmaana 3ffaa keessa hojiin gaariin hojjetamaa turee jira. Dhimmoota manni murtii keenya xiyyeeffannoo kenneefii ilaaluuf karoorfate keessaa dhimmi invastimantii, dubartoota, daa’immanii fi kkf isaannan ijoo ta’ee,dhimma HIV idileessuun illee karoorri kaawwame kurmaana kana keessa irratti hojjetamee jira.
Manneen murtii aanaalee biratti sababa hanqina baajataa, Murtii Ol’aanaa irratti immoo sababa hanqina baajataa fi dhiphina kutaalee waajjiraa waan qabnuuf hanga ammaa gurmeessuu hin dandeenye. Haa ta’u malee, Mana Murtii Godina keenyaa keessatti  dhimmoonni daa’immaniin walqabatan; daa’imman akka ragaatti fi akka miidhamaa/tuutti dhihaatan kan jiru yoo ta’u yeroo kanattis A/seeraa addatti ramaduun dhaddacha cufaan daa’imman sodaa tokko malee jecha ragummaa isaanii akka kennanuuf dhaddacha guddaan alatti kutaa A/seeraa keessatti haala tasgabbii qabuun dhimmi daa’immanii ilaallamaa tureedha.
 Dhimma dubartootaa ilaalchisee sababa saalaatiin  miidhaa dubartoota irra ga’u hir’isuudhaaf manneen murtii Godina keenyaa tokko tokko keessatti dhimmi koorniyaa idilaa’ee kan jiru yoo ta’u, Dhimma maatii ilaalchisee ammo keessattuu manni murtii Aanaa dhimmichi sadarkaa jalqabaatti dhihaateef qofaatti dhaddacha maatii hundeessuun abbaa seeraa tokko obsaan namoota walitti araarsuun itti fufiinsa maatiif gumaacha gochuu danda’u ramaduun dhimmi isaanii addatti akka ialaallamu taasifamee kurmaana 3ffaa keessas hojiin abdachiisaan hojjetamee jira.
Akkuma kanaan dura kurmaana kana keessas foormaatiwwan falmiilee dhimma maatii fi yakka dubartoota irratti raawwaatame akka saffisaan tajaajilaan qarqaaru qopheeffamee ittiin hojjatamaa jira. Kana qofa osoo hin taane Fookaal persaniin dhimma dubartii fi daa’immanii akka manneen Murtii Godina Gujiitti hordofan ramadamee hojjechaa jira. Kallatti kanaa carraan barnoota tokko univarsiitii siiviil sarvisii biyyoolessaan kennamee jira. Dhimmi dubartoota rakkoo garaagaraa qabanii ariitiin akka xumuramu fookal parsaniin jiru hooggansa manaa waliin hojjechaa jira. Hojii hojjetamenis dubartootni hojii mana murtii keessatti hirmaannaan akka dabalu taassisee jira.
Manneen murtii Aanaaleetti dhimma HIV waliin wal qabatee wal gahii fi leenjiin  yeroo qophaa’u hojjetaa bakka buusuun seektaroota biroo waliin wal gahii irratti akka hirmaatuu ni taasifamaa hojjatoota m/murtiichaa leenjii ni kenna, dhimma kanaafis akka fookaal persaniitti tajaajilu.Hojiin  dhimmoota seektaroota hundaa idileessuu hanga kurmaana 3ffaatti hojjatame akka itti aanutti dhiyaateera.
Uunkaa 3, Hojiin Dhaddacha Daa’immanii Cimsuu fi Baballisuun wal-qabatee hojiin hojjataman.
lakka
Maqaa M/Murtii
Baayyina Dhaddachaa Daa’immanii Addatti Hundaa’ee
Baay’ina dhimmoota Daa’immanii Keessummeeffaman hanga kurmaana kana kurmaana 3ffaa
UNICF
NGO
biro
Idilee
W/G
Dhaddacha daa’immaniitti
Dhaddacha idileetti
Waliigala
Yakka
H.H
yakka
H.H
Yak
H.H
Ida’ama
1
MMO
--
-
1
1
-
-
25
-
25
-
25
2
MMA Girjaa
-
-
1
1
-
-
2
1
2
1
3
3
MMA O/Shaakkisoo
-
-
1
1
8
-
-
-
8
-
8
4
MMA Booree
-
-
1
1
-
-
12
5
12
5
17
5
MMA Annaa Sorraa
-
-
1
1
-
-
3
2
3
2
5
6
MMA Daamaa
-
-
1
1
-
-
1
-
1
-
1
7
H/Waammannaa
-
-
1
1
-
1
-
-
-
1
1
8
MMA Uraagaa
-
-
1
1


1

1
-
1
9
MMA Waadaraa


1
1


12
4
12
4
16

Ida’ama


9
9
8

46
12
54
13
67

Bara baajataa darbe hanga kurmaana sadaffaatti dhimmootni daa’imaa 34 qofti kan ilaallaman yoo ta’u bara kana hanga ammaatti raawwiin galmee keenyaa 67 gahuu danda’ee jira. Kunis jajjabeeffamee kan itti fufuu qabu waan ta’eef cimsinee kan itti fufuudha.
Uunkaa 4. Falmii Dhimma Maatii fi Yakka Dubartoota irratti raawwataman addaatti keessummeessuun hojiilee raawwataman.
Lak.
Maqaa MM
Baay’ina Falmii Dhimma Maatii Addatti Keessummaa’ee
Dhimmoota Yakka Dubartoota irratti raawwataman
Ida’ama
Yakka
Har.Haw
Walumatti


A
B
C=A+B
   D
E=C+D
1
MMO
-
49
49
23
72
2
MMA Girjaa
1
34
35
6
41
3
MMA Liiban
12
90
102
12
114
4
MMA Adoolaa
6
65
71
25
96
5
MMA Daamaa
2
125
127
1
128
6
MMA Uraagaa
-
148
148
1
149
7
MMA Qarcaa
25
246
271
25
296
8
MMA O/Shaakkisoo
4
140
144
17
161
9
MMA Booree
11
120
127
14
141
10
MMA Annaa Sorraa
3
61
64
10
74
11
MMA H/Waammanna
8
2
10
6
16
12
MMA Sabbaa Boruu
3
50
53
2
55
13
MMA Waadaraa
12
68
80
2
82

    7.2.2. Yakkoota Harkaa fi Harkatti qabaman keessumeessuu (RTD) sirna hojii irra oolchu

Muuxannoon yakkoota harkaa fi harkaa hojii irra oolchuu itti fufiinsaan hojii irra oolaa kan jiruu fi kuufamni galmee manneen murtii keenya keessa jiran akka xiqqaatu taassisuufis ta’ee murtiilee hawaasni irraa baratu saffinaan kennuudhaan yakki xiqqaachaa akka deemu gochuuf daran kan gargaaruudha.

Haaluma kanaan manneen murtii keenya dhimmoota Harkaa fi Harkatti qabamanii dhihaatan si’aayinaan keessummeessuu irratti qophaa’inni kan jiruu fi kan itti hojjatamuudha. Mariin qaama dhimmi ilaallatu, koree walinii JBAH fi fooyya’iinsa sirna Haqaa, waliin geggeeffamee hojjetamaa turee raawwiin isaa bara baajata kana keessa hanga gabaafni kun dhiyaatutti haala gaarii irratti kan argamu ta’uu ilaallee jirra. Fooyyeen jiraatus guutumaan guututti hanga barbaadamu raawwachuun hin dandeenye. Gara fuula duraattis fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf itti fufiinsaan kan hojjennu ta’a. Yakkootii harkaa fi harkatti qabaman fi kan ragaan isaa walxaxaa  hin ta’in adeemsa sirna RTD tiin yeroo dhiyaatan Mana Murtii Ol’aanaas ta’e Mana Murtii Aanaaleetti beellamaa idilee utuu hin eegin yeroo gabaabaa keessatti murtii argachaa jiru. Kanas  akka armaan gadiiti Gabatee itti aanuun dhiyaatee jira.

Gabatee 5, Dhimmootni yakka harkaa fi harkatti qabamanii (RTD) dhi’aatanii ilaalaman kan agarsiisu,
Lakk
Maqaa Mana Murtii
Baayyina Galmee Dhi’aatee RTD dhaan ilaalamee fala argatee
Ibsa biro
Kurm.1ffaa
Kurm.2ffaa
Kurm.3ffaa
Kurm.4ffaa
W/G hanga kurmaana 3ffaa kanatti
1
MMOGG
1
1
-

2

2
MMA Girjaa
2
2
1

5

3
MMA Liiban
5
1
5

11

4
MMA Adoolaa
7
11
6

24

5
MMA Daamaa
1
1
-

2

6
MMA Uraagaa
1
5
4

10

7
MMA Shaakkisoo
4
8
3

15

8
MMA Booree
4
5
2

11

9
MMA Annaa Sorraa              
2
3
14

19

10
Ha/ Waammannaa
4
3
2

9

11
MMA Sabbaa Boruu
1
1
---

2

12
MMA Qarcaa
-
1
3

4

13
MMA Waadaraa
-
4
5

9

14
MMA Gooroo Doolaa
-
7
10

17


      Ida’amaa
32
53
55

140


Bara baajataa darbe hanga kurmaana sadaffaatti dhimmootni RTD ilaalamaa turan galmee  132  kan ilaallaman yoo ta’u bara kana hanga ammaatti raawwiin galmee keenyaa 140 gahuu  irratti murtii kennuun danda’amee jira. Kunis garaagartee galmee 8 ykn 5.71% qofa ta’uu waan argisiisuuf cimnee irratti hojjechuu akka qabnu nutty argisiisa.
7.2.3.  Sirna Bulchiinsa Dhangala’iinsa Dhimmootaa hojii irra oolchuu
                             Ilaalchisee
Manneen murtii keenya keessatti dhimmoota dhiyaatan haala sirni Bulchiinsa Dhangala’iinsa Dhimmootaa barbaaduun hooggannee furmaata kennuuf itti fufiinsaan kurmaan 3ffaa keessa hojjechaa turree jirra. Daangaa yeroo JBAH tiin kaa’ame keessatti dhimmoonni hundinuu akka gosaa fi amala isaaniitiin akka raawwatamuuf cheekliistii hordoffii qopheeffachuudhaan yeroo galmeen banamuu eegalee hanga galmeen xumura argatuutti yeroo kaa’ameef keessatti akka raawwatamuuf hordoffiin taassifamaa turree jirra. Hojjettoonni manneen murtii keenyaa dhimmi tokko yeroo hangam keessatti raawwatama, hojjetaa sanaa bira daqiiqaa hangam turuu qaba kan jedhu hubannoo waan qabaniif yeroo ammaattii galmee banuuf, falmii dhaga’uuf, ragaaf fi kkf raawwachuuf yeroo hanga fudhate galmeessuun hordofamaa jira. Kunis dhimmoonni akka duraa duuba isaaniitti  sa’aatiin beellamuun dhimmoonni xiyyeeffannoo akka argatan taasisuun kuufamaa fi yeroon turmaata dhimmootaa akkaataa barbaadameen hojiirra oolchuun danda’ameera. Manneen murtii  Godina Gujii keessatti tokko tokkoon hojii hojjatame yeroo inni hojjatame qabachuudhaan yeroo JBAH keessatti qoratameen gaditti xumuruu keenya mirkaneeffachuudhaan chaartarii lammiilee keenya irratti akka qabatama godina keenyaatti yeroo gabaabaan xumuruu akka dandeenyu ifa goonee yeroo gabaabaa kana keessatti tajaajila kennaa kan jirruu dha. Qabannaa galmee ilaalchisees Fooldarii abbaa halluu, leebilii fi daata beezii fayyadamuun galmee keenya hordofuuf fayyadamaa jirra.Kanaaf, akka Godina keenyaatti gama kanaan milkaa’inni gaarii argamee jira.
        7.2.4. Sirna Beellama Fooyya’aan beelleemuu fi Keessumeessuu
Sirna beellama fooyya’aan beellamuu ilaalchisee waggaa sadan darban keessa waaree duraa fi booda, sa’aatii fi daqiiqaadhaan beellamuu fi keessumeessuun hojii irra oolee jira. Kunis waan hundaa ol faayidaa yeroo fi itti fayyadamni yeroo qabnu manneen murtii keenya hubachaa kan dhufan ta’u isaa mul’isa. Haaluma kanaan kurmaana 3ffaa kana keessa sirna beellama (W/D fi W/B) beellaamaa sa’aatii fi daqiiqaadhaan kennuu, haala beellama kennameen keessumeessuu ilaalchisee manni murtii ol’aanaa fi manneen murtii aanoolee keenyaa dabalatee ittiin hojjachaa waan jirruuf abbootiin dhimmaa yeroo isaanii hojii dhuunfaa isaaniif akka oolchan  dandeessisee jira.

 Galmeelee yakkaa ilaalchisee A/Alangaa himannaa isaa Mana Murtii yeroo dhiheessu ragaa isaa waliin waan taheef yeruma sana ragaan caqafamaa waan jiruuf ragaa A/Alangaaf beellamuun hin jiru. Beellamni tokko kan kennamu  ragaa ittisaa qofa dhagahuufii dha. Kanaaf galmeewwan yeroo daangaa kennameef keessatti murtii akka argatan waan taassisuuf hojiin kun Manneen Murtii keenyaa keessatti itti fufiinsaan hojjatamee bu’aa gaarii argamsiisee jira. Kurmaana 3ffaa bara 2006 kana keessa galmee ol’iyyanno siviilii Mana Murtii Aanolee irraa gara M/murtii Ol’aanaatti dhufan galmeen erga saaqamee booda beellama otoo hin barbaachisin yoosuma ni dhiheessisa moo? Hin dhiyeesisu?  Kan jedhu qoratamee ajajni waan kennamuuf abbootiin dhimmaa yeroo gabaabaa keessatti furmaata akka argatan taassifamee jira.
       7.2.5. Guyyootii Sanbataa fi Ayyaanaa Tajaajila Kennu.
Tajaajila guyyaa sanbataa fi ayyaanaa jalqabamee ittiin hojjetamaa ture kurmaana 3ffaa keessas itti fufiinsaan itti hojjechaa tureera. Dhimmi haqaa dhimma yeroo hin kennine ta’uu hubachuudhaan ilaalcha guyyoonni sanbataa fi ayyaanaa guyyaa hojiiti jedhu hojjattoonni horachuudhaan akka hojii idileetti galmeen  sa’aatii dhaan beellamamee  kan hojjatamaa jiru yoo ta’u, hojjattoonni duraan kan dabareen galanu hafee kurmaana kana keessas akkuma kurmaanota darbanii hojjattoonni irra caalmaan akka idileetti kan hojii seenanuu dha. Kana malees guyyaa hojii sa’aatii lakkaa’uun gara manaatti galuun hafee hanga hojiin jirutti itti fufiinsaan hojjachuun tajaajilli kennamu dhaqqabamaa akka ta’uuf ilaalchi hawwaasicha tajaajiluuf jiru kan dagaagee dha. Hanga gabaafni kun dhihaatuttis manneen murtii godina keenyaa keessatti guyyaa sanbataa dhimmoonni ilaallaman akka itti aanutti gabatee kana keessatti ibsamanii jiru.
Uunkaa 6, Gabatee Dhimmootni guyyootii Sanbataa ilaalamanii qindaa’ee itti dhiyyatee.
Lakk
Maqaa M/Murtii
Baay’ina Dhimmoota guyyaa sanbataa ilaalamanii fala argatanii
Ibsa biro
Kurm. 1ffaa
Kurm.2ffaa
Kurm.3ffaa
Kurm.4ffaa
W/G Hanga gabaasa  kurmaana 3ffaa hojjatamee kanaati
1
MMOGG
13
19
47

79

2
MMA. Girjaa
10
6
4

24

3
MMA.  Liiban
15
50
20

85

4
MMA.Adoolaa
18
20
8

46

5
MMA.Daamaa
6
4
2

12

6
Anna Uraagaa
6
12
33

18

7
MMA.Qarcaa
20
23
37

80

8
Shaakkisoo
12
10
12

34

9
MMA.G/Doolaa
2
3
4

9

10
MMA Booree
37
26
19

82

11
H/Waammanna
10
10
12

32

12
 Annaa Sorraa
2
8
12

22

13
Sabbaa Boruu
31
14
16

61

14
MMA Waadaraa
-
1
1

2


Ida’amaa
182
197
207

586


Bara baajataa darbe hanga kurmaana sadaffaatti dhimmootni guyyaa sanbataa fi ayyaanaa ilaalamaa turan galmee  451  yoo ta’u, bara kana hanga ammaatti raawwiin galmee keenyaa 586 gahuu danda’amee jira. Kunis garaagartee galmee 135 ykn 23.03% ta’uu waan argisiisuuf raawwiin keenya gaarii ta’uu mul’isa. Akka waliigalaatti cimnee irratti hojjechuu akka qabnu nutti argisiisa.
    7.2.6. Dhimmootni Jaarsummaa (Araaraan) ilaalaman (ARD fi RJ) hojiileen hojjetaman.
Waldhabdee hawaasa keessatti uumamu karaan ittiin hiikkamuu tokko  jaarsummaan fala kennuudha. Bara baajataa darbe hanga kurmaana 3ffaatti galmeen 7801 dhaddachaaf dhiyaatee kana keessaa galmeen 176 ykn 2.25% jaarsummaan kan xumurame yoo ta’u, bara baajataa kana hanga ammaa galmeen 8985 dhiyaatee galmeen 285 ykn  3.17 jaarsummaan xumuramuu danda’ee jira. Kunis raawwii bara darbee caalaa fooyyee kan qabuu fi jabaannee irratti hojjechuu akka qabnu nutty argisiisa. Waan kana ta’eef sirni dhimma jaarsummaan ilaaluu kun abbootiin dhimma waldhabde ykn falmii isaanii araaraa fi jaarsummaatiin haala ittiin xumurachuu danda’an irratti waan xiyyeeffatuuf abbootii dhimmaaf yeroo isaanii kan qusatuu fi yeroo qaban misoomaaf akka oolfatan gumaachaa ol’aanaa kan qabuudha. Haalumaa kanaan kurmaana 3ffaa keessa Manneen Murtii Godina Gujii sadarkaa hunda irratti hubannoon kun akka dagaagu taassifamee  dhimmoonni hedduun jaarsummaan xumuramanii jiru. Haaluma kanaan dhimmoonni jaarsummaan ilaalamanii xumuramanii fi karaa manneen murtii keenyaa deebi’anii ilaallamanii murtii argatan Gabatee armaan gadii keessatti dhiyaatee jira.
Uunkaa 7, Dhimmootni Jaarsummaa (Araaraan) ilaalaman .
Lak.
Maq. MM
Baay’ina dhimmoota jaarsummaan ykn araaraan ilaalamanii -
Kur.1ffa
Kur.2ffaa
Kurmaana 3ffaa
Kurmaana 4ffaa
Kan jar.qaje.
Kan qaje.kees achu.xum.
Dhadda.idi
Xumurm.
Kan jar.qaje.
Kan qaje.kees achu.xum.
Dhadda.idi
Xumurm.
Kan jar.qaje.
Kan qaje.kees achu.xum.
Dhadda.idi
Xumur
Kan jar.qaje.
Kan qaje.kees achu.xum.
Dhadda.idi
Xumurm.
1
MMO
5
3
2
5
2
3
6
2
4



2
Girjaa
28
10
18
23
4
19
40
12
28



3
Liiban
15
6
9
15
6
9
15
7
8



4
Adoolaa
126
60
66
80
37
43
90
30
60



5
Daamaa
40
26
14
32
24
5
31
25
6



6
Uraagaa
20
11
9
30
21
9
42
20
22



7
Qarcaa
27
17
10
50
24
26
61
41
19



8
Shaakkisoo
110
45
65
160
125
35
80
53
27



9
S/Boruu
42
24
18
24
6
18
23
6
17



10
Waadaraa
35
20
15
77
38
39
98
56
42



11
Booree
28
21
7
29
20
9
31
20
11



12
A/Sorraa
47
10
37
14
8
6
20
8
12



13
H/Waammannaa
9
2
7
34
4
30
35
8
27



14
Gooroo Doolaa
-
-
-
9
9
0
10
8
2




Ida’amaa
532
255
277
277
26
251
582
297
285




Bara baajataa darbe hanga kurmaana sadaffaatti dhimmootni guyyaa jaarsummaatti qajeelfamanii achumaan xumuraman galmee  176  yoo ta’u, bara kana hanga ammaatti raawwiin galmee keenyaa 285 gahuu danda’amee jira. Kunis caalmaa galmee 109 ykn 38.24% ta’uu waan argisiisuuf raawwiin keenya gaarii ta’uu mul’isa. Akka waliigalaatti bu’aa argame kana cimnee kan irratti hojjennu ta’a.

                                                                                                                           Continue Reading

    

ABOUT THE GUJI ZONE HIGH COURT