1. Seensa
Manneen murtii Godina Gujii karoora Hojii bara
baajataa 2006 qopheeffatee erga hojiitti seenee amma kurmaanni sadi ykn baatiin
sagal lakkaawwamee jira. Karoorri mana hojii keenyaas hojiitti hiikkamee bu’aan
isaas madaalamaa tureera. Raawwii hojii madaaluun dhimmi karoorfame bu’uura
karooraatiin raawwatame moo hin raawwatamne jedhanii kan itti of ilaallu fi
gara fuula duraatti hanqinoota jiran adda baafachuun daran akka irratti hojjatnu
kan nutti agarsiisuudha. Manni murtii
Ol’aanaa Godina Gujii karoora hojii bu’uura karoora MMWO baaseen kan ofii
qopheeffachuun manneen murtii Aanaalee jiraniif dabarsee isaanis haala qabatama
mana hojii isaanitiin karoorfachuun gara hojiitti seenamee hojjatamaa turee jira.
Manneen Murtii Godina Gujii kurmanaa 3ffaa
kana keessa sochiilee adda addaa ergamaa fi mul’ata akkasumas kaayyoo manneen
murtii galmaan ga’uuf tajaajilan hojiirra oolchaa turee jira. Kana milkeessuuf
kenniinsa tajaajilaa kurmaana 3ffaa keessatti cimina fi hanqina qabnu adda baafachuun duub-deebii
gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa irratti nuuf kenname fudhannee karoora keessa
deebinee ilaalaa irratti hojjetamaa turee jira, bu’aan onnachiisaanis argamee
jira.
Hooggansi fi raawwattoonni sadarkaa sadarkaan jiran hundumtuu ergamaa fi
mul’ata jiru hubachuudhaan qulqullina tajaajila keenya daran fooyyessuuf; marii
seerota falmisiisoo ta’an irratti geggeessuun, humna namaa qabnu misoomsuudhaan,
cheekliistiidhaan murtiilee keenya madaaluun
seerota haaraa ba’an irratti hubannoo
gabbifachuunii fi mana
kitaabaa qabnu cimsachuun hojjatamaa kan
ture yoo ta’u kallattii tajaajila kenninu dhaqqabamaa fi si’aawaa
taasisuutiinis dhaddacha naannawaa hundeessuun, meeshaalee teeknooloojii
fayyadamuun dhaqqabamummaa tajaajilaa mirkaneessuuf hojiin gaariin hojjetamee
jira. Bilisummaa fi itti gaafatamummaa tajaajila abbaa seerummaa
mirkaneessuufis qaamolee alaa fi keessaatiif hubannoo kennamaa tureen hojiin hojjatame qaama gabaasa
kanaa ta’ee jira.
SMBKT Manneen Murtii keenyaas bifuma
karoorfameetiin manni (target) bira ga’uu qabnu bira geenyee jirra. Meeshaalee
jijjiiramaa haaluma barbaadameen hojiirra oolchuu keessattis hubannoo uumuun
hojiitti hiiknee fayyadamummaan uummataa akka mirkanaa’u taassifamee jira.
Sochiileen hojii guyyaa guyyaatis tarkaanfiiwwan tarsiima’oo keenya bu’uura
godhannee hojjechuun jijjiiramni akka jiraatu taassifameera. Hojiirra oolmaa
tarkaanfiiwwan tarsiima’oo keenyas too’annaa, hordoffii fi gamaggamaa karaa
hoogganaa ol’aanaa mana hojii, garee gumii fi karaa inispeekshiniitiin itti
fufiinsa geggeeffamee hojiin keenyaa caalaatti akka hojjetamu nu gargaaree jira.
Duub-deebii gamaaggama raawwii hojii kurmaana
lammaffaa irratti nuuf kenname irratti hojjennee jijjiirama fooyyee qabu kan
fidne yoo ta’u, kurmaana kana keessa raawwii hojii keessatti rakkooleen
mul’atan kan furamaa turan yoo ta’eeyyuu darbee darbee hanqinni hubannoo qaama alaa fi hawaasa keenya bira jiraachuu,
murtiin kennamu hanga barbaadamu qulqulluu fi si’aawaa ta’uu dhabuu fi
meeshaaleen miidhaman yeroon suphamuun
hojiirra ooluu dhabuu fi dhiheenyatti qaama meeshaa suphu dhabuun akkuma armaan
duraa kan nu muudatan ta’us marii alaa fi keessaa wal irraa hin cinnee fi
hooggansa sadarkaan jiru cimsuudhaan hojiin gaariin hojjetamee jira.
Kallattii bulchiinsa qabeenyaa fi faayinaansiitiinis
baajata mootummaa irraa nuuf qabame akkaataa qajeelfamaan hojiirra oolchuu fi bulfachuu
kaasee hanga qabeenya manneen murtii
sirnaan bulchuun wal qabatee sirnoonni fi seeronni jiran hojiirra akka oolan
taassisuun qisaasamni qabeenya mootummaa akka hir’atu taasifamee jira. Maallaqa
imaanaa fi kaffaltii abbaa seerummaas bu’uura sirna jiruutiin guyyaa guyyaan
galii taassisuun qisaasamni maallaqa mootummaa irra akka hin geenye hordoffii
guddaan taasifamee bu’aan jajjabeessaan argamee jira.
Walumaagalatti
duub-deebii gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa irratti nuuf kenname fudhannee cimina akka
ciminaatti qabannee, hanqina akka hanqinaatti fudhannee irratti hojjennee
fooyyee guddaa fidnee jirra. Manneen murtii Godinaa keenyaa ergamaa, mul’ata,
duushaalee fi akkaataa SMBKT mannii kaawwame milkeessuuf, ol’aantuma seeraa kabajuu
fi kabachisuun raawwii karooraas yeroo yeroon madaala fi gamaggamaa deemuun
adeemsa sirnichi gaafatu waan ta’eef nutis ji’oota saglan darban kana keessa
hojiilee hojjataman karoora waliin wal-bira qabamnii ilaallamanii akka itti
aanuutti gabaafnee jirra.Continue Reading