Hubannoo Waliigalaa


Dhimmoota tokko tokko irrattii haala hojii waliigalaa fiSafartuu Raawwii hojii Tarsiimo’aa Mana Murtii G/Gujii
M/Murtii G/Gujiittis akka qaama mootummaa ta’etti dirqamni isaa seeraa fi heera irratti hundaa’uudhaan hawaasa tajaajiluudha.
Hawaasa kanas yoo tajaajillu haala hawaas-diinagdee biyyatti kallattii imaammata mootummaatiin   fiixaan baasuu danda’uun ta’uun isaa kan nama shakkisiisuu miti.
Hojiin tajaaajila abbaa seerummaas duudhaalee jiran irratti hundaa’uudhaan ergamaa fi mul’ata M/Murtii haala galmaan ga’uu danda’een fayyadamummaan hawaasni tajaajilamu argatuun kan milkaa’uudha.
 Ergamni, Mullannii fi Duudhaaleen Manneen Murtii godina keenyaa ittiin hogganamanis akka armaan gadiitti  ka’amanii jiru.
            Ergama
Tajaajila Abbaa seerummaa Heeraa fi seera irratti hundaa’e, qulqulluu, si’awaa, dhaqqabamaa, bu’a qabeessa ta’e gahumsaa fi bilisummaan kennuu,
      Mul’ata
Bara 2012tti Mana Murtii Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun amantaa ummataa horatee biyya keenya keessatti fakkeenya ta’ee akka argamu gochuu


 




TooraToora Xiyyeeffannoo  ManneenMurtii

1,Qulqullinaa tajaajila Abbaa Seerummaa
Bu’aan eeggamu-Tajaajila Abbaa Seerumma Haqaa mirkaneesse
2. Bilisummaa fiitti-gaafatamummaa tajaajilaA/seerummaa
Bu’aaneeggamu-TajaajilA/seerummaa heera fi seera qofaa irratti Hundaa’ee kenname.
3. Dhaqabummaa Tajaajila abbaa  seerummaa
Bu’aan eegamu- Tajaajila Abba seerumma itti  dhiheenyaa fi haala salphaan kenname







Dhuudhaalee Mana Murtii keenya.
1, Bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa (judicial independence and accountability) 
2, Beekumsaa fi gahuumsaa (knowledge and competency)
3, Miira tajaajilummaa ( sense of stewardship)
4, Iftoomina (Transparency )
5, fayyalummaa (propriety)
6, Al- loogummaa fi walqixxummaa (impartiality and equality)
7, Tilmaamamoo (predictability)
8, Ejjennoo gaarii (Integrity)

Ergama,Mullataa fi Duudhaalee kana qabachuudhaan Kallattii lammiitiin manni murtichaa kaayyolee tarsiimo’aa qabatee sochii irra jiru  dha.isaanis;
A.      Amantaa uummatni mana murtii irratti qabu dabaluuf
Hojii Abbaa seerummaa fi kanneen biroo isa waliin walqabatan loogii bifa kamiinuu ibsamu kan akka:-
Ø  Ilaalcha siyaasaa, gosa, amantaa, saala, naannummaa,
Ø  walittidhufeenya,faayidaa, saalaa fi kkf irraa walaba taa’uun wal qixxummaan raawwachuu
Ø  Seera, firii dubbii fi sammuu isaa qofa irratti hundaa’uun murtii ykn tajaajila haqa qabeessa keennuun uummatni mana murtii irratti amantaa guutuu akka qabaatu taasisuuf hojjechuu

B. Si’aayina Tajaajilaa Dabaluuf
Ø  Dhimmoota akkaataa amala isaaniitiin addaan qooduudhaan bifuma saniin keessumeessuu,
Ø  Dhimmootaa fi tajaajila  adda addaa daangaa yeroo isaaniif kaawwamee keessatti raawwachuu,
Ø  Walfalmitootaaf carraa walfakkaatu kennuu,
Ø  Abbootii dhimmaa dhimma isaanii mana murtii alatti akka xumuratan jajjabeessuu,
Ø  Bu’aa teekinoolojii adda addaatti fayyadamuu,

C. Mijaa’ina naannoo hojii  fooyyessuuf
Ø  Naannoo hojii hojjataa fi hoggansa hawwachuu, tursiisuu fi haamilee hojataa eeguu danda’u uumuudhaan gara gahiinsa
hawaasa mana murtii akka guddatu taasisuu.
Ø  Mijaa’ina naannoo hojii dabaluuf hawaasa mana hojichaa dhimmoota adda addarratti hirmachisuu.
Ø  Hojjattoota aangessuudhaan faayidaa fi onnachiiftuu adda adda mijaawaa ta’e diriirsuu.
Ø  Sagantaa leenjii mijeessuu, meeshaalee hojiif barbaachisan guutuu, teessumaa fi qulqullina naannoo hojii mijeessuu, sirna dabarsa odeeffannoo qulqullina
Ø  Bakka hanqinni mul’atetti akka miseensa mana murtiitti sirreeffama barbaachisaa fudhachuun itti gaafatamummaamirkaneessaa deemuu.
D. Garaa Gahiinsa Tajaajilamtootaa Dabaluuf
Ø  Madaalamumma adeemsa falmii eeguun falmisiisuu,
Ø  Tajaajila haala abbaa dhimmaaf galuu danda’uu fi haala salphaa ta’een kennuu,
Ø  Qaamilee biroo waliin hariiroo hojii seera giddu galeessa godhate uumuu,
Ø  Hojjettoota gahumsa fi naamusa ol’aanaa qabaniin tajaajiluu,
Ø  Tajaajila kennamu akkaataa isataandardii hojii taa’een raawwachuu. Fkn JBAH fi SBDHDH,


E.Itti Fayyadamummaa Uummataa Dabaluuf
 Tajaajila kenninuun itti fayyadamummaa uummataa dabaluu yemmuu jennu:-
Ø  Si’aayinaan tajaajiluu
Ø  Qulqullinaan tajaajiluu
Ø  Naamusa hojiin abbaa seerummaa   barbaadu goonfachuun tajaajiluu.
Ø Itti dhiyeenyaan (dhaddacha naannawaa fi kkf) tajaajiluu. 
Akkuma beekkamu manni hojiin ergama fi mul’ata hin qabne akkasumas duudhaalee ittiin hogganamu hin qabne laamsha’aadha.M/murtii akka qaama mootummaa hawaasa tajaajiluuf hundaa’eetti kallattiidhaan  ergamnii fi mullanni isaa hojii ijoo irratti xiyyeeffatee hawaasicha tajaajila kennuun garaa ga’uu danda’uutiin kan ka’amee dha.
Manni Murtii keenyas ergama, mul’ataa fi duudhaalee kana bu’ura godhachuun Karoora dheeraa waggaa shanii fi kan woggaa akkasumas kan kurmaanaa qopheeffachuun hojjataa kan jiruudha. Hojiileen gurguddoon irratti xiyyeeffatee hojjachuuf karoorfates inni tokkoffaan Qulqullina Tajaajila Abbaaseerummaa yoo ta’u tajaajilli kennamu qulqulluu yoo hin ta’in faayidaan inni hawaasaaf qabu akka hin jirre hubachuun tajaajila kana haala miijawaa ta’een fedha maamiltootaa guutuu akka danda’utti dandeettii A/seeraa fi hojjattoota keenyaa barumsaan cimsuudhaan, kitaabolee barbaachisan guutuudhaan, haala dhaddachaa miijjessuu fi seerowwan falmisiisoo ta’an irratti mari’achuudhaan tajaajilli kennamu qulqulluu akka ta’u hojiin hojjatamaa kan jiruu fi yeroo irraa yerootti fooyya’insi qulqullina murtee keenyaa kan jiru ta’uun madaallii taasifame irraa kan hubatamuudha.Inni 2ffaan irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa jiru si’aayinaa fi dhaqqabamummaa tajaaajila A/seerummaa yoo ta’u mirga haqa argachuu hawaasaa heera mootummaatiin kenname dhugoomsuuf kan qarqaaruudha. Tajaajilli kun hawaasa ballaa biratti gadi bu’ee yeroodhaan hin kennamne yoo ta’e akka dhowwatameetti kan lakkaawamuudha.Guddinni diinagdee fi hawaasummaa akka jiraatuuf hawaasni bakka jiru taa’ee tajaajila haqaa  yeroodhaan argatee gara misoomaatti deebi’u male guddinni yaadame dhufuu hin danda’u, dhimmoonni mana murtii keessatti hangi yeroon turmaata isaanii beekkamee yeroo sana keessatti furmaata argachuu waan qabuuf akka mana murtii godina gujiitti istaandardii yeroo hawaasa tajaajiluuf kaawwame keessatti dhimmoonni hedduun kan xumura argataa jiranii dha.Tajaajila kenninu si’aawaa fi dhaqqabamaa taasisuuf rifoormiin adda addaa qoratamanii hojiirra oolan ga’ee guddaa kan qabanuudha.Yeoo ammaattii manneen murtii keenya keessatti meeshaalee teeknooloojii kan akka viidioo konfransii, maashina sagalee woraabduu,daataa beezii dhaan deeggaramuun tajaajilli kennaa jirru si’aayina tajaaila abbaa seerummaatiif kan gumaacha qabaniidha.Tajaajilli kennamus hawaasicha fayyadamaa taasisuu qaba.Xiyyeeffannoon inni sadaffaan Bilisummaa fi itti gaafatamummaa  tajaajila A/seerummaati.Bilisummaan manneen murtii seenaalee mootummoota darbanii keessatti kan hin beekamne yoo ta’u, uummanni ballaan kan qabsaa’eef keessaa inni tokko bilisummaan manneen murtii akka jiraatuufi dha.Bilisummaa manneen murtii kan hundeesses mana murtii utuu hin taane akka  fedha hawaasichi qabsa’anii wareegamaniiif keessaa isa tokko yoo ta’u kunis heera mootummaa keenya keessatti hawaasni ballaan kan ammachiifatee eegumsa heeraa kenneefii dha.Bilisummaan Manneen murtii kan A/seeraa tiif akka mirgaatti kenname utuu hin taane qaama abbaa seerummaatiif faayidaa hawaasaatiif kan taa’ee dha.Bilisummaa yoo jedhamus dhiibbaa kallattiinis ta’e kallattiin ala kara siyaasaa,firooma,faayidaa,sabummaa,saala,hiyyeessa ,dureessa k.k.f utuu hin jedhin wal-qixxummaan akka kennamuufi dha. Bilisummaa qaama abbaa seerummaaf kenname kana kallattii kamiinuu utuu hin sarbin A/seeraa fedha mataa isaa irraa bilisa ta’uudhaan dhimma dhihaateef ijoo dubbii dhihaate,raga fi seeraa fi seera qofa irratti hundaa’uudhaan murtii haqa qabeessa,loogi maleessa ta’e hawaasichaaf akka kennuufii dha. Bilisummaan Qaama kanaaf kenname ittigaafatamummaadhaan hin deeggaramne yoo ta’e ammo kayyoo isaa kan balleessuu dha. Kanaafis akkuma bilisummaan jiru itti gaafatamummaan qaamaq kana keessa namoota hojjatanuu dacha dha.Ittigaafatamummaa mirkaneessuufis qajeelfamoonni danbii fi koodiin naamuusaa A/seeraa fi Muudamtoonni gumii kan ittiiin qajeelfaman ba’ee hojiirra kan jiru yoo ta’u ,dabalataanis qaamni of danda’ee dhimma naamusa hojjattootaa hordofu fi himatu caasaan Inispeekshinii jedhamu Mana Murtii godina keenyaa keessatti diriiree kan hojjataa jiru dha.Bu’uruma Aangoo kennameefiitiin erga dhaabbataniin asitti hojiin kallattii naamuusa hojjattootaa cimsuun raawwatame guddaa dha.Manni murtii keenyas yeroo ammaatti Hawaasa naamuusa badaa balaaleffatu uumuu keessatti carraaqqii guddaa kan taasisaa jiruu dha.
Yeroo ammaattis akka godina keenyaatti rifoormii adda addaa hojiirra oolchuudhaan hawaasichi murtii qulqulluu, si’aawaa ta’e akka argatu taasifamaa jira.
Manni murtii keenya waggaa hanga waggaatti guyyaa sanbataa fi ayyaanaa dabalatee tajaajila kennaa jira.Hawaasatti gadi bu’ee M/Murtii Aanaalee gara gandootaatti gadi bu’uun dhaddacha naaannawaan hawaasa baasii fi yeroo isaa qusachuun itti fufee jira. M/murtii ol’aanaa Ammoo kara Viidi’oo konfiraansiin hawaasa bira ga’aa jira. Murtiin kennamus qulqulluu ta’uun isaa madaalamaa kan jiruudha.Dabalataanis dhimmoonni Mana murtiin alatti mala jaarsummaatiin akka xumuranuuf irratti hojjachaa jira.Dhimmoonni yakka sasalphaa ta’anis sirna hariifachiisaan battalatti murtii akka argatanuuf sochiirratti argama.
Bara baajata 2005 kana keessatti sadarkaa Mana Murtii Ol’aanaatti galmee dhiyatuu irratti hunda’udhaan dhumaa waggaatti  % 90 raawwachuuf sadarkaa Aanaaleetti immoo % 92 kan karoorfamee yoo ta’u walumaa-gala akka manneen murtii godinaa keenyaatti % 89 raawwachuuf karoorfanneerra.
Akka Mana Murtii Ol’aanaatti galmeen hanga Baatii salgan darbaniitti ilaalamaa kan ture galmee 1,056  yoo ta’u, murtii kan argatee 896 yoo ta’u akka Manneen  Murtii Aanaaleetti hanga baatii salgan darbaniitti ilaalamaa kan turan galmee 7,391 yoo ta’u murtii kan argatee galmee 6,905 dha.
Raawwiin keenyas sadarkaa Mana Murtii Ol’aanaatti dhibbentaan% 95.83 yoo ta’u, sadarkaa Aanaaleetti immoo dhibbentaan %97.71 raawwatameera. Akka walii galaatti akka Godina keenyatti galmee 7,801  ta’e irratti murtii kennuun % 97.49  kan raawwatame ta’ee raawwiin keenyas kareooraa ol akka ta’e kan agarsiisuu dha.
Sadarkaa Mana Murtii ol’aanaatti galiin kennaa tajaajila abbaa seerummaa tiin argamee qar. 178,867.80 ( kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatamii saddeet fi dhibba saddeet fi jaatamii torbaa fi beessee 80/100) yoo ta’u sadarkaa Manneen Murtii Aanaalee immoo qar. 502,053 (kuma dhibba shanii fi kuma lamaa fi shantamii sadi) Mana Murtii Ol’aanaa shariyaa  fi Aanaa  qar. 7184 (kuma torbaa fi dhibba tokkoo fi saddeetamii afur) walumaagalatti qar.688,104.80 (kuma dhibba jahaa fi kuma  saddeetamii saddeet fi dhibba tokkoo  fi afur fi beessee 80/100) galiin argameera.
Tajaajila kenninuttis Hawaasichaaf haalli itti raawwatamu qabu;
Ø  Tajaajilamtootaaf kabajaa fi carraa walqixa laachuu
Ø  Loogii gosaa, amantaa, saala, rakkina qaamaa, qabeenyaa fi ilaalcha siyaasaa ala keessumeessuun falmii gaggeessuu.
Ø  Seera duratti namni hundi qixa ta’uu haala  mirkaneessuun falmisiisuun murtii kennuu
Ø  Keessummeessa keenya tajaajilaamtoota keenya kabajuu fi obsaan dhaggeeffachuun furmaata kennuu;
Ø  Ogummaan deeggaramuun tajaajila qulqullina qabu kennuu.
Ø  Sadarkaa fi gosa tajaajilaa irratti hundaa’uun tajaajilamtoota tajaajiluu.
Ø  Istaandardii tajaajilaa tajaajilamtoonni nurraa eeganuun tajaajiluu.
Ø  Faayidaa fi loogii karaa kaminuu dhufu irraa bilisa ta’uudhaan tajaajiluu.
Ø  Uwwisa dhaqqabummaa tajaajila keenyaa fooyyeessaa deemuun hawaasatti dhihaannee hojjachuu.
Ø  Fooyya’insa hojii keenyaaf hawaasa ballaa madda odeeffannoo keenyaa taasisuu.
Ø  Bilisummaa A/Seerummaa iftoominaa fi itti gaafatamummaan utubuu,
Ø  Dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef irratti  xiyyeeffannoo kennuun hojjachuu


Abbootii dhimmaa keenya irraa maaltu eegama.
Ø   Ulaagaa teekinikaa seera deemsa falmiin tumame guutuun himata, deebii, komii ol’iyyannoo fi iyyannoo dhiheessuu.
Ø  Himatni, deebii, komiin ol’iyyannoo fi iyyannoon barreeffamaan dhiyaatan hundi kompiitaraan kan barreeffame ta’uu qaba. Iddoo tajaajilli ibsaa fi kompiyutaraa hin jirretti dirqama miti.
Ø  Himatni, deebiin, komiin ol’iyyannoo fi iyyannoon barreeffamaan dhiyaatu akkam yoo baay’ate fuula sadii ol ta’uu hin qabu. Eddoo tajaajilli ibsaa fi kompiitaraa hin jirretti dirqama miti.
Ø  Ajaja adda addaa kennamu sirnaa fi yeroon raawwachuu (ajaja ragaan akka dhiyaatu, himatamaan akka dhiyaatu, ciraan qabame akka dhiyaatu, fi kkf)
Ø  Sirna dhaddachaa fi dhaddacha kabajuu akkasumas kabachiisuu
Ø  Falmiif qophaa’uun dhiyaachuu
Ø  Ragaa sobaa fi falmii sobaa dhiheessuu irraa of qusachuu;
Ø  Akkaata danbii kaffaltii tajaajila abbaa seerummaatiin kaffaltii irraa barbaadamu kaffaluu
Ø  Sa’aatii fi yeroo tajaajilli itti kennamu kabajuun argamuu
Ø  Tajaajila argachuuf gaaffiin barreeffamaan dhiyaatu haqaa fi laaqaa kan hin qabne ta’uu qaba.
Ø  Tajaajila abbaa seerummaaf kaffaltii raawwatamuuf dursa nagaheen yoo kenname malee akka hin kaffalle
Ø  Tajaajila gaafatame karaa walitti dhufeenyaan ykn ammaalaajiin argachuu irraa of qusachuu
Ø  Tajaajila kennamuuf gaaffii faayidaa dhiyaatu battalumatti saaxiluu
Ø  Uummatni bal’aanis ilaalcha manni murtii faayidaan /loogiin hojjeta jedhu dhiisee dhimmi isaa seera qofaan dhimma isaa xumurachuuf yaaduu;
Ø  Ragummaa isaanii yoo kennanu hubannoo tanii kennuu;

Akka waliigalaattii Haqni hirmaannaa hawaasa ballaatiin male kan mirkanaa’uu danda’uu miti hirmaannaan hawaasaa kunis gama raga sobaa balleessuutiin,dubbiin Jaarsummaan Mana Murtiin ala akka xumuramu gochuu tiin, Yakki akka hin baballanne taasisuun akkasumas kiraa sassaabdummaan akka hin baballanne taasisuutiin gaheen qaamolee adda addaa, hawaasa ballaa fi nama dhuunfaa eenyuun iyyuu kan bakka bu’uu miti.Qaamni haqaa deeggarsi hawaasaa bira yoo hin jiraanne hanga barbaadamuun galma ga’uu hin danda’u.
Ragaan sobaatis raga namaa fi raga barruu ta’uu  danda’a. Maddi raga sobaa hawaasa keessaa,nama dhuunfaa irraa,waajjiraalee fi qaamota adda addaa irraa dhihaachuu danda’a.Ragaan sobaa kunis bifa Foorjidii(fakkeessanii raga qopheessuu),namni dhuunfaa jecha ragummaa kennuun ta’e garee tokko akka fayyaduuf garee tokko akka miidhuuf  ykn dhimmaa raga kennanu tokko irratti bu’aa fi miidhaa isaa sirriitti beekuu dhabuun kan ka’e qaamoleen adda addaa xiyyeeffannoo gochuu dhabuun ta’uu danda’a.Miidhaan raga sobaa mirga namaa fi qabeenya namaa irraatti  guddaa ta’ee sirna haqaa akka waliigalaattis kan miidhuu fi amantaa uummataa kan dhabsiisuu dha.Waajjiraaleen mootummaa addaa addaa raga yoo kennanu raga sirrii fi qulqulluu nama tokko fayyaduuf ykn nama tokko miidhuuf ta’uu hin qabu.Hawaasicha keessaa ba’uunis namoota raga sobaa kennanu hawaasichi  ni beeka waan ta’eef saaxiluudhaan seeratti dhiheessuu kan qaban yoo ta’u qaamoleen haqaatis ragaan sobaa akka hin jiraanneef waan isaan irraa eegamu ba’uuf dirqama kan qabanuudha. Hawaasni ballaan  qaama haqaa waliin ta’uu dhaan yakki yoo dalagame saaxiluun cinatti yakki akka hin raawwatamneefis ga’ee guddaa kan qabanu ta’uun beekkamaa dha. Kana malees Kiraa sassaabdummaan misoomaa fi diinagdee hawaasichaa kan miidhu ta’uu dhaan ilaalchi qaamni haqaa faayidaadhaan male hin hojjatu jedhu hawaasicha keessaa baduudhaan namoota kiraasassaabdummaa irratti bobba’an saaxiluu danda’uu qaba.Hawaasichi karra kira sassaabdummaa kan madda irraa cufu yoo ta’e jechuunis ‘kan kennu yoo hin jirre kan fudhatu jiraachuu waan hin-dandeeneef’ hawaasni gocha kana kan balaaleffatuu fi misoomni eegalamee jiru akka galma ga’uuf dirqama lammummaa ba’achuutu irraa eegama.


HAQAAF HADUBBANNU,HAQAAFISHA-HOJJANNU


!!!
        Lakk.

Kaayyolee Tarsiimo’aa
Safartuulee Raawwii
Ka’umsa
Mannii
Ka’uumsa
Mannii
Manni



2002
2007
2004
2005
2006
Kur1
Kur. 2ff
Kurmaana 3ffaa


1
Lammii
Amantaa Ummatni Mana Murtii Irratti Qabu Daba
1.        Amantaa  dabale (%n)
60
90
70
77.1
 86

79.61

Gara  Gahiinsa Ummata/Lammii Guddisuu
2.        Gara gahiinsa  dabale (%n)
54
90
68
79
85

80

Fayyadamummaa uummataa guddisuu
3.        Komii xiqqaate  (%n)
50
10
38
30.2
20

27


2
Faayinaansii             
Bu’a- Qabeessummaa Baajataa Fooyyessuu
4.        Bajata hojii karoorfameef oole %
94
100
    98
99
99.5
99.1
99.5

Itti fayyadama Qabeenyaa Fooyyessuu
5.        Qisaasama qabeenyaa hir’ate (%n)
25
1
18
13.3
7
11
9.50







3





                                           Adeemsa hojii keessaa











3.Adeemsa Hojii Keessaa
Kenniinsi Murtii Tilmaamoo fi Barsiisoo Guddisuu
6.        Murtii walfakkatoo seera irrati hundaa’anii kennaman
60
85
70
75.3
80
76
77.6

7.        Murtii qajeeltoowwan  murtii eegatanii kennaman %
60
85
70
75
80
76.4
78

8.        Tilmaamamummaa murtii dabale %
65
90
70
75
80
76.25
77.80

Madaalamummaa Adeemsa Falmii Guddisuu
9.        Duudhaalee bu’uuraa madaala’ummaa adeemsa falmii kan eeggate %
65
95
66
72
85
75.1
78.35



Si’aayina Tajaajilaa Dabaluu
10.     Dandeettii raawwii galmee /clearance rate/ %
108
115
112
100
114
114.2
103.2

11.     Yeroo turmaata galmee /congestion rate/
1.11
1
1.05
1.00
1.01
1.09
0.9

12.     Kuufama galmee /backlog/
0.1
0
0.04
0.12
0.01
0.09
0.10

13.     Daangaa Yeroo  kaa’ame keessatti dhimmoota furmaata argatan%
85
99
93
97.7
97
97
77

15. Hubannoo hawaasaa dabale %
50
100
67
77
88
80
82.2

16.Deeggersa argame (mil.)
.033
.5
.15
1.710
0.40
1.857
1.939035

Mijaa’ina Tajaajila Abbaa Seerummaa Dabaluu
17.Mijaa’ina Tajaajilaa Dabale %n
63
95
69
75
85
77.5
80

Hariiroo Hojii Seera Giddu Galeessa Godhatee Cimsuu.

18.Gidu-seentummaa xiqqaate %n.
30
5
23
18
12
16.50
15

19.Wal-tajjii waliinii bu’uura karooraan gaggeeffame %n
50
100
67
77
78
77.25
77.50

Muuxannoo gaggaarii madaqsuu fi babal’isuu
20. Muuxannoo gaggaarii argaman akka Mana Murtiitti
8
28
13
14
22
14
14

21. Muuxannoo gaggaarii babal’atan lakk.
8
28
13
14
22
14
14

Qunnamtii Odeeffannoo Cimsuu
22.Odeeffannoo teekinoolooji ammayyaan deggerame lakk.
5
25
10
13.99
19
15.24
16









4
                                          Ijaarsaa fi dandeettii
Dandeettii Raawwachiisummaa Dabaluu
23.Dandeetti Raawwachiisummaa Dabale % n
65
95
76
86
78.50
81


 24. Qooda dubartootaa hooggansa keessatti dabale %
0
50
15
37
48
39.75
42.50

25. Gahee dubartootaa hojii Mana Murtii keessati dabale %
18.18
50
31
30.2
47
43
44.39

Dhiyeessaa fi Itti Fayyadama Teekinoolojii Dabaluu
26. Dhiyeessa teeknoloojii dabale /walsimiinsa fedhii fi dhi’eessii/ %
20
85
44
69
69
50.25
56

 27. Hojjattoota tekinolojii  fayyadamuu danda’an %
40
86
49
13.3
70
62
64.78

Aadaa fi mijaa’ina Naannoo hojii fooyyessuu
 28. Garagahinsa  hojjetoota  dabale %
50
95
67
75.3
82
76
78

 29. Hojii gad-lakkisuu hojjetoota xiqaate  %
4
0
2
75
0
0.1
0.12

 30. Hojjettoota hubannoo ergamaa , mul’ata fi  dudhaalee  irrati qaban dabale %
40
100
55
75
80
73
75.25

 31. Baayyina manneen murtii dhimmoota seektaroota hundaa idileessan %
20
80
33
72
65
60
62

Itti gaafatammumaa Cimsuu
 32. Dandeettii adabsiisuu dhimma himannaa naamusaa dabale /conviction rate/  %
80
100
85
100
92
97
95









4
                                          Ijaarsaa fi dandeettii
Dandeettii Raawwachiisummaa Dabaluu
23.Dandeetti Raawwachiisummaa Dabale % n
65
95
69
1.00
86
78.50
81

 24. Qooda dubartootaa hooggansa keessatti dabale %
0
50
15
0.12
48
39.75
42.50

25. Gahee dubartootaa hojii Mana Murtii keessati dabale %
18.18
50
31
97.7
84
86
79

Dhiyeessaa fi Itti Fayyadama Teekinoolojii Dabaluu
26. Dhiyeessa teeknoloojii dabale /walsimiinsa fedhii fi dhi’eessii/ %
20
85
34
77.1
69
50
56

 27. Hojjattoota tekinolojii  fayyadamuu danda’an %
40
86
49
79
70
62
64.78

Aadaa fi mijaa’ina Naannoo hojii fooyyessuu
 28. Garagahinsa  hojjetoota  dabale %
50
95
67
30.2
82
76
78

 29. Hojii gad-lakkisuu hojjetoota xiqaate  %
4
0
2
99
0
0.1
0.12

 30. Hojjettoota hubannoo ergamaa , mul’ata fi  dudhaalee  irrati qaban dabale %
40
100
55
13.3
80
73
75.25

 31. Baayyina manneen murtii dhimmoota seektaroota hundaa idileessan %
20
80
33
75.3
65
60
62

Itti gaafatammumaa Cimsuu
 32. Dandeettii adabsiisuu dhimma himannaa naamusaa dabale /conviction rate/  %
80
100
92
97
70
93.50
95





Tarsiimoo kira-sassaabdummaan Manneen Murtii Godina Gujii keessatti ittiin gogfamu
Kiraa sassaabdummaan jechi isaas ta’e yaad-rimeen isaa biyya keenyaafis ta’e addunyaadhaaf haarawaa miti.Barreessitoonni  garaa garaa yeroo adda addaatti hiika kiraasassaabdummaa karaa gara garaatiin  barreessanii jiru.
 Hiikoota barreessitoonni gama adda addaatiin kaa’an kanneen walitti qabamee yommuu ilaalamu, kiraasassaabdummaan adeemsa faayidaa guddina diinagdeef karaa bu’aa hin buusneen qabeenyumma duraan jiru faayidaa dhuunfaaf ykn gareef oolchuun ergama biyyaaf kenname dandeettii raawwachiisummaa isaa qancarsuun, iftoominaa fi itti gaafatamummaa akkasumas olaantummaa seeraa dhabamsiisuun ummanni bu’aa dhufe irraa akka hin fayyadamne taasisuun mootummaa fi ummata gidduutti walshakkii uumuun biyyi akka diigamtu sirna taasisuudha.
kkaataa barreessitoonni adda addaa barreessanitti hiikkan kennamu bifa gara garaatiin ta’us, dhiibban inni sochii misooma fi hawaasummaa irraan geessisu ija tokkoon kan ilaalamuudha.
Biyya olaantummaa kiraa sassaabdummaa akkasii qabu keessatti ammoo sirni iftoominaa, itti gaafatamummaa fi olaantummaa seeraa waan hin kabajamneef bulchiinsi gaarinii fi dimokiraasiin jiraachuu hin danda’u.Kunis waldhabbiin mootummaa fi ummata gidduutti akka jiraatuu fi walitti bu’iinsi qabeenya biyyattiin horatte humnaan qooddachuutti akka deemu taasisa.
Biyyi keenya tarsiimoo, immaamataa fi sagantaa misoomaa fi dimookraasii qabate galmaan gahuuf KGT Qopheesuun hojii irra olchaa kan jirtu yoo ta’un beekamaa dha.Gochii fi ilaalchi kira-sassaabdummaa haala kamiinuu calaqqisu ammo sirna haqaa kan miidhu akka ta’ee dha.Manni murtiitis KGT keessatti ga’ee qabu ba’achuuf fayyadammumaa hawaasa bal’aa mirkaneessuuf kira sassaabdummaa keessoo mana murtii fi akka waliigalaatti jiru gogsuuf dirqama dacha ta’e qaba.Keesattuu kiraa saasabdummaan gama bulchiinsa lafaa, bulchiinsa galii, bulchiinsa baajataa fi bittaan mootummaa akka biyyaatis ta’ee akka naannootti gaggeefamaa jiru maddawwaan ijoo kiraa sasaabdummaaf saaxilaman ta’uu isaa adda bahee jira. Akka Mana Murtiittis dhimmi kun akka salphaatti kan ilaallamuu miti.Baroottan darban keessatti Dambii fi qajeelfamoota ifa ta’an baasuudhaan, caasaa dhimma naamuusaa irratti hojjatu sadarkaa mana murtii godinaatti dhaabuudhaan kallattioi sirnaawaa ta’een kira sassaabdummaa keesoo manneen murtii keessatti mullatu gogsuuf hojiin hojjatamaa ture salphaa miti.Karoora keessattis qabamuudhaan raawwiin jirus yeroo yeroon madaalamaa dhufee jira.Gama biroon ammo qabsoo kira sassaabdummaa irratti geggeeffamu haala deeggaruu danda’uun dhimmoota akka malaaf maltummaa fi kkf  akka dhimmoota xiyyeeffannoo tokkootti karoora keessatti qabachuudhaan hojii guyyaa guyyaan hojjatamu tajaajila abbaa seerummaa keessatti bu’ura sirnaa fi seera jiruutiin dhimmoonni ilaallamanii murtiin itti kennamaa turee jira.
Gama  adeemsa kenna tajaajilaa walxaxaa fi deddeebiin itti baayyatu adda baasuun hojmaatawwan kiraa sassaabdummaa fi malaammaltummaaf qaawwa banan cufuuf meeshaalee riifoormii adda addaa hojiirra oolchuun hojimaata bifa haaraan akkaataa iftoominaa fi karaa gabaabaa ta’een tajaajila kennuuf mijatuun akka gurmaa’u taasifamee jira.Meeshaaleen jijjiiramaa ciminaan hojiirra oolchuudhaan ilaalcha jijjiiramaa hojjataa fi hawaasa biratti akka dhufuuf carraaqqii taasifameen bu’aan guddaan argamee jiraHojimaata iftoomina qabuu  diriirsuudhaanis akka godina keenyaatti hawaasichi abbaa ta’ee kira sassaabdummaa irratti akka qabsaa’u akka raga ba’u, akka heeruu kennu bu’ura taasifameen hojjattoota manneen murtii godinichaa irratti gocha malaammaltummaa irratti argamanis heeruu karaa adda addaatiin nuuf kennuun akkasumas raga ba’uudhaan bu’ura seeraatiin akka ittigaafatamummaan mirkanaa’u taasisanii jiru.Kanumaan hojjattoonni abbootii dhimmaa keenya irraa qarshii fudhatanii fi gaafatan yakkaanis adabbiin murtii kan itti kenname yoo ta’u,naamuusaanis tarkaanfiin adda addaa irratti fudhatamee jira.Ijaarsa garee fi raayyaa haqaa manneen murtii keenya keessatti lafa qabateenis gocha fi ilaalcha kira sassaabdummaa mullatu irratti hojjattoonni iftoominaan wal-irratti akka qabsaa’uun mullatee jira.
Haala kanaan bu’aaleen jajjabeessoo ta’an argamnii jiru.Gama hojii hojiirra oolmaa Paakeejii Bulchiinsa Gaariitiinis sadarkaan hojiirra oolmaa isaa wal haacalu malee manneen hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran keessatti raawwatamaniin bu’aaleen muxannoo gaarii ta’an mul’ataniiru.
Gama hojiirra oolmaa riifoormiitin itti gaafatamummaa manneen murtii keenya keessatti dagaagsuudhaaf karoora tarsiimo’aa waliigalaa qopheessuun gara adeemsaalee hojii, gareewwan adda addaa tti caccabsuun akka raawwatamuu fi akka madaalamu gochuuf sochiin taasifamaa jiru jajjabeessaa dha.Akkasumas, dhimma kiraa sassaabdummaa fi hojmaata badaa waliin walqabatee qorannoowwan adda addaa taasifamanii jiru.
Kun akkuma jirutti ta’ee tarsiimoon kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuuf gargaaru akka Naannoo keenyaatti qophaa’ee fi akka manneen murtiitti adda ba’e bu’ura godhachuudhaan akka qabatama manneen murtii godina gojiittixinxaaluun maddoota kiraa-sassaabdummaa ta’an hunda adda baasun, qaawwaalee kiraa sassaabdummaaf saaxilanii fi tarsiimoo ittiin maqfaman qopheessuun hojiirra oolchuu eegallee jirra.
Tarsiimoo kira sassaabdummaan ittiin gogu qopheessuun hojiirra oolchuun akkasumas hojii ijaarsa raayyaa guuyya guyyaan gaggeefamu keessatti hirmaannaa uummataa karaa qindoomina qabuu fi ijarameen gaggeesuun sirna iftoomina fi ittigaafatammumaan mirkaneesuun barbaachisaa dha.
Kaayyoon gooroo tarsiimoo kanaa jijjiirama ilaalchaa itti fufiinsa qabu fi hubannoo hooggansaa, raawwataa sadarkaa sadarkaan jiruu fi ummata keenya gabbissuun maddoota kiraa sassaabdummaa gurgguddoo akka manneen murtiii godinichaatti  mul’atan irratti tarsiimoo ittiin gogsaan qopheessuu, hojimaata fi sirna   diriiree jiruun hojii irra akka oolu gochuun olaanttummaan seeraa biyyattii keessatti dagaagee guddinni misoomaa fi dimokraasii eegalamee jiru akka itti fufu gochuu.
Kaayyoon gooree tarsiimoo jijjiirama ilaalchaa itti fufiinsa qabu hojjattootaa  fi ummataa gidduutti fiduun qabsoo fara kiraa sasaabdummaa uummtaan gaggeefamu diriirsuuf ,
Maddoota gurgguddoo Kiraa sassaabdummaa akka manneen murtii godina, adeemsa hojii, Garee fi dhuunfattiin adda baasuu,
Ilaalchaa fi gochoota kiraasassaabdummaa irratti hubannoo walfakaatu hojjattoota fi hawaasa biratti uumuu,
Qabsoo ilaalcha fi gocha kiraasssaabdummaa irratti taasifamu gurmaa’iinsa raayyaatiin akka gaggeeffamu taasisuun hundee irraa gogsaa deemuu,
qaawwaalee fi hojimaata hojii kiraa sassaabdummaadhaaf saaxilani adda baasun hirmaannaa ummataa ittifufiinsa qabuun akka deeggaramu taasisuu
1. Maalummaa Kiraa-sassaabdummaa
Kiraa sasaabdummaa jechuun taayitaa mootummaa fayyadamuu fi abbootii taayitaa waliin walitti hidhamuun bu’aa dorggommii gabaatiin argamuu oli hojii bu’aa itti sasaabamu jechuu dha.Carraan kiraa sasaabuu inni tokko argate inni biraa gonkumaa argachuu hin dabda’u. Kanaafuu adunyaa kiraa sasaabdotaa keessatti dorggommii walgatanii darbuu yoo ta’e irraa kan hafe dorgommii naammotin hundi walqixa fayyaadamaa ta’an hin jiru. Jiraachus hin danda’u. Bu’aan ida’ama waliigalaa kiraa sasaabdotaa zeeroo dha.Siyaasni kiraa sasaabdootaa siyaasa  Tapha walgatanii darbuutti(zero Sum Game) kan jedhamus kana irraa ka’eetti.
Diimookraasiin gargaagarrummaa haala dimookratawaa ta’en hiikuu fi sirna waldanda’uu bu’uura kan godhatee dha. Tokko yeroo argatu dirqama kan biraa immoo sirna itti dhabu fi carraa dorgommii kan itti dhabu ta’a.
Kiraa sasaabdummaan qabiyyee isaatin tapha walgatanii darbuu (zero Sum Game) yoo ta’u amaluma isaatiin  farra-dimookraassumaatti. Dorggommiin kiraa sasaabdotaa tapha walgatnii darbuutti yeroo jedhamus, siyaasni isaas tapha walgatnii darbuu fi farra kiraa sasaabdummaa irraa kan adda ta’ee miti.
Akkaataa barreeffamoota adda addaa irra hubatameetti barreessitootni adda addaa haala gara garaatiin ibsaniis hiikni kiraa sassaabdummaa akka waliigalaatti  sirna namoonni dhuunfa, abbootiin qabeenya, dhaabbileen daldalaa fi kkf dadhabbii tokko malee fi diinagdee biyyaa irratti bu’aa dabalataa tokko illee osoo hin argamsiisiin karaa qaxxamuraa ta’een qabeenya seeraan ala horachuuf sochii itti taasiisani dha.
Kanas ta’e sanis, kiraa sassaabdummaan karaa dinagdeen itti qisaasamu yookiin gahumsa dhabu, karoorri misoomaa akka galma hin geenye taasisu, caalmaatti immoo caasaa mootummaadhaan (siivil sarviisii) kan walqabatu waan ta’eef, biyyoonni hedduun balaa inni siyaasa diinagdee irraan geessisuu malu xiqqeessuuf tooftaa mataa isaanitiin hojii keessa kan jiran ta’uu isaa muuxannoon ni agarsiisa. 
2.  Qajeeltowwaan Bu’uraa Qabsoo farra kiraa sasaabdummaa

Qajeeltowwan bu’uraa  qabsoo farra kira sassabdummaa irrtti taasifamuuf akka meeshaatti qarqaaramnu kun kallattiidhaan duudhaalee hawaasni manneen murtii goonfachuudhaan tajaajila kennuu qabu jedhamanii kanneen ka’aman ta’uu isaaniitiin guyyaa guyyaan tajaajila abbaa seerummaa kenninu keessatti dhogoomsaa deemuu  kanarra dhaabbatanii eessa jirra jedhanii of madaaluun barbaachisaa dha.
 2.1.  Olaantummaa Seeraa
Olaantumaan seeraa qajeeltoo bu’uuraa bulchiinsa gaarii yoo ta’u mootummaan  hammata seerota ummatni irratti waliigalae qofaan akka hojettuu, bakka bu’ummaa ummataa garmalee akka hin fayyadamane kan taasisu fi mootummaa fedhii ummataa qofaan umamu gochuu kan danda’u meeshaa murteesa dha.
Labsii lakk.141/2000 manneen murtii oromiyaa irra-deebi’anii hundeessuuf bahe keewwata 3© jalatti kayyoo manneen murtii keessaa inni tokko Seeraa fi sirna eegamee;nagaa,tasgabbii fi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u gochuu akka ta’e ibsamee jira. Heera mootummaa ammo kabajuu fi kabachiisuunis gahee manneen murtii keessaa isa tokko akka ta’es heerri mootummaa kan dirqama godheedha. Kanaafuu Mirgaa,Walabummaa fi dantaa dhuunfaa heera mootummaa naannichaa fi federaalaatiin mirkaneessaman kabachiisuu fi Sirna siyaasaa ,Diinagdee fi hawaasummaa naannichaa kanneen heera mootummaa federaalaa fi naannichaatiin mirkana’an kabachiisuufis dirqama kan qabu waan ta’eef gochowwan kirasassaabdummaas dhimmoota seeraa fi heeraan mirkana’an kan quuncarsu dha.Manneen murtii ammo ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun dirqama dhaabbateef ba’uu qaba.
Imaammata fi tarsiimoowwan heera mootummaa irraa maddan hundi hojiirra akka oolanii uummata bira ga’anuuf dirqama qaama mootummaa hunda waan ta’eef manni murtiitis karaa hojjattoota tajaajila kennanuutiin olaantummaa seeraa kabchisuuf ittigafatammumaa olaanaa qabu.kanuma hojii irra oolchuuf hojimaataa, ilaalcha fi gurmaa’insa olaantummaa seeraa mirkaneesuf gargaaran hunda raawwachuun ilaalcha fi gocha kiraa sasaabdummaa dadhabsiiuuf wabii kanatti fayyadamuun murteesaa dha.
Olaantumaan seeraa qajeeltoo bu’uuraa bulchiinsa gaarii yoo ta’u mannen murtii seerota ummatni irratti waliigalae qofaan akka hojettuu kan taasisuudha. Imaammata fi tarsiimoowwan heera mootummaa irraa maddan akka waliigalaattii fi imaammataa fi tarsiimoo manneen murtii akka addaatti hojiirra oolchuuntajaajila uummataaf kan kennu fi ummata bira akka gahan kan taasisan hojjatoota manneen murtii sadarkaa hunda irratti  argman waan ta’eef hunda dura olaantummaa seeraa kabchisuuf ittigafatammumaa olaanaa qabu.Bu’uruma kanaanolaantummaa seeraa ka’umsa hojii isaa hundaa taasisuun ilaalcha fi gocha kiraa sasaabdummaa dadhabsiiuuf wabii kanatti fayyadamuun murteesaa dha.
2.2. Iftoomina
Heera mootummaa keewwata 12 keewwata xiqqaa 1 jalatti hojimaatni mootummaa tokko akkaataa ummataaf ifa ta’een raawwatamuu qaba jedha.Manni murtiis qaama mootummaa keessaa isa tokko waan ta’eef hojimaata ifa ta’een tajaajila hawaasaf kennamu seera irratti kan hundaa’ee fi hojimaata iftoomina qabuun raawwatamuu akka qabu sirriitti ibsamee jira.
Iftoomina jechuun ummatni imaammta , tarsiimoo karooraa, raaawwi  irratti  yeroo hundummaa odeefannoo fi raga waiytawaa fi sirrii ta’e argchuu qaba jechuu dha. Qajeeltoon kuni qajeeltoo bu’uraa ijaarsa dimookraasi waan ta’eef ummatni imaamtaa, tarsiimoo fi sagantaa manneen murii  irratti odeefannoo fi raga waiytawa hin arganne jechuun dhimmaa tajaajila manni murtichaa kennu  irratti haala gahumsa qabuun  hirmaachuu hindanda’u.
Kan irraa ka’uun tajaajila argachuu qabu ilaalchisee yoom, eessatti akkamitti akka argachuu qabu odeefannoo hin argatu taanaan kiraa sasaabdummaaf qaawwaa akka baanu beekuun barbachisaa dha.
Iftoominni hin jiru taanaan aangoo mootummaatti fayyadamanii yeroo kiraa sasaabanni uummatni damaqinaan hirmaachuu hin danda’au waan ta’ef qajeeltoon iftoominaa bulchiinsa gaarii mirkaneeesuuf murteesa waan ta’eef hojjataan iftoomina mirkaneesuun eragama isaa bahuu qaba.
2.3.Gaafatammumaa
Gaafatammumaa jechuun namni yookiin qaamni tokko raawwii hojii isaatin madaalamee bu’aa gaarii yoo galmeesee sirna itti jajjeebeefamu, yeroo yakka hojjete immoo sirna ittigaafatamu jechuu dha.Waan kana ta’eef sirni iftoominaa fi gaafatamummaa qajeeltoo dimookraasii fi bulchiinsa gaarii murteesaa adda adda bahanii ilaalamanii miti.
Gama biraatiin qajeeltoo olaantummaa seeraa hojii irra oolchuun gafatammumaa mirkaneesuu ni danda’ama. Gaafatammumaan akka sirnaatti bakka hin jiraannetti ittigaafatammumaa tajaajilaa irratti gatame fiixaan baasuun baayyee rakkisaa waan ta’eef sirni itti gaafatammumaa iraa gadii, gadii oli fi walcina akka jiraatu gochuun hojjataan bakka ittigaafatammumaan ramadametti hunda gaafatammumaan mirkanaa’uu qaba.
Waluumaagalatti hawaasni manneen murtii qajeeltoo  gaafatammummaa hoji irra oolchuun faayadammumaa uummataaf dursa kennee ergama isaa bahuu qaba.
  2.4. Haqummaa fi Amanammumaa
Haqummaan al-loogummaa fi badii raawwachuu dhiisuu yoo ta’u, qaamonni adda addaa akka hin miidhamnee fi gara duubaatti akka hin hafne gochuu jechuu dha. Qajeeltoo haqummaa fi amanammumaa hojiirra oolchuun lammiin hundi mootummaa isaa  irratti amantaa horatee kaayyoo dhuunfaa fi gamtaatiif qalbii tokkoon akka raawwatu taasisuu irra darbee mootummaa biratti ija walqixa ta’een waan ilaalamuuf amantaan ummatni mootummaa irraa qabu dabalaa deemaa.
Kanaafuu hojjataan manneen murtii hojii isaa yeroo raawwatu tajaajilli keenuu hundi loggummaa bifa kam  irraa bilisa kan ta’e, immaamta , tarsimoo fi sagantaan mootummaa hunda biratti bifa walqixa ta’een akka raawwatamu gochuun lammiin hundi walqixa faayadamaa akka taasisu gochuun ergama isaa bahuu qaba.Kanaanis  akka dhaabbata uummata tajaajiluuf dhaabbateetti gara ga’insa fi amantaa uummataa manni hojichaa akka argatuuf hojjachuun ergamaa fi mullata mana hojichaa galmaan ga’uuf carraaquun barbaachisaa dha.
2.5.Deebii Hatattamaa Kennuu (Responsiveness)
Deebii hatattamaa kennuu jechuun qaamota dhimmi ilaaluuf bu’ura sirna,seeraa fi adeemsa hojii jiruu hordofuudhaan rakkoo isaaniitiif yaaduun furmaata hatattamaa kennuu danda’uu dha. Akka Mana murtiitti hawaasichi falmii isaa sodaa tokko malee barreeffamaanis ta’e afaaniin bu’ura seerri eeyyamuun akka dhiheeffatu taasisuudhaan manni murtii bakka sodaatamu utuu hin taane bakka kabajamu gochuudhaan murtii hatattamaa kennuufiidhaan rakkoo isaa furuu fi sababa murtiin sun kennameef hala isaa galuu danda’uun ibsuufiidhaan hubachiisuun daangaa yeroo JBAH tiin ka’ame keessatti keessummeessuun hawaasichi gara hojii misoomaatti deebi’uun alattuu yoo dafee ykn yerootti tajaajila argata ta’e hawaasichi fala biraa barbaaduun kira sassaabdummaaf karaa hin banu, dhimmoonni hatattamaan deebii kennuu dhabuunis kira sassaabdummaaf karra kansaaqu ta’uun hubatamuu qaba.Kana yoo ta’e ergama manni murtichaa tajaajila kennu si’aawaa taasisuuf qabate galmaan gahuunis danda’ama.
Hojjataan manneen murtii  sadarkaan jirus gaaffii ummataaf debii ariitiin kennuuf kan dandeesisu hojimaata qindoomina qabu, sirnoota diriiranii jiran hojii iraa oolchuu qofaan osoo hin taanee ilaalcha tajaajiltummaa ummataatiin keesumeesuun ergama isaa bahuu qaba. Sababa tokko malee dhimmii adeemsa seera jiruun yeroo ka’ame keessatti fala argachuu hin dandeenye fi harkifatu kamiyyuu gocha kiraa sasaabdummaatif kan saaxilu fi haala kan mijeesu waan ta’uuf qajeeltoo kanaaf xiyyeefannaa kennuun raawwachuun barbaachisaa dha.Yeroo ammaattis manni murtii keenya bu’ura qorannoo JBAH tiin yeroo dhimmoota tokko tokkoof adda ba’anii ka’ame keessatti kan tajaajilaa jiru yoo ta’u guyyoota sanbataa,dilbataa fi guyyootii ayyaanaa tajaajila kennuun eegalamee jiruu fi raawwiin hojiitis yeroo jedhame keessatti tajaajilli kennamuu kan adda baasu hordofamuun hojimaanni jiru  kira sassabdummaan akka lafa hinqabanne kan qarqaaru  dha.
Gama kaaniin ammo Manneen Murtii dhimmoota falmii kanneen akka malaafmaltummaa isaaf dhihaate hatattamaan murtii itti kenna yoo ta’e qabsoo kira sassaabdummaagogsuuf sektaroota hunda biratti taasifamu kan qarqaaru ta’uu irrayyuu tarkaanfiin seerraa fudhatames namoota biro barsiisuuf ga’ee bakka hin-buune kan qabu ta’uu hubachuun barbaachisaa dha.
2.6 .Gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa (Efficiency and Effectiveness)
Ga’umsa jechuun hojii qabatmaan mul’atu tokko baasii xiqqaa yeroo muraasa fi baay’ina barbaadamuun hojjachuu jechuu yoo ta’u, bu’a qabeessummaa jechuun immoo hojiin tokko  haala kaayyoo fi galma ka’ameef san milkeesuu isaa ittiin mirkanaa’uu fi jijjiiramni barbaadame dhufuu isaa kan agarsiisu jechuu dha.
Akka manneen murtiitti ergamni manneen murtii akka ifaan ka’ee jiruttu “Tajaajila Abbaa seerummaa Heeraa fi seera irratti hundaa’e, qulqulluu, si’awaa, dhaqqabamaa, bu’a qabeessa ta’e gahumsaa fi bilisummaan kennuu”tajaajilli kennamu gahumsa ol’aanaadhaan kennamee haqummaa mirkaneessuun gara gahinsa tajaajilamtootaa dabaluu qabaQajeeltoon ga’umsaa fi bu’a qabeessummaa hojiirra kan hin oolle yoo ta’e, qabeenyi ni qisaasama, hojii bu’aa ykn faayidaa hin qabnetu raawwatama. Kun ta’uun immoo, malaamaltummaan akka dagaagu, namoonni seeraa ala faayidaa hin taane akka argatan kan taasisu yoo ta’u, guddina biyyaa irrattii miidhaa geessisa.
Qajeeltoowwan kun sirnaan hojiirra kan hin oolle taanaan iftoominnii fi itti gaafatamummaan waan hin jirreef, malaa-malutummaan iddoo qabachuun, haqummaa fi ol-aantummaan seeraa akka dhabaman gochuu bira darbee lammii gidduutti loogii uumuun, qabeenya irratti immoo qisaasamni akka babal’atu taasisa
Haala qabatama biyya keenyaan gahumsaa fi bu’a qabeesuumma jechuun misooma ariifachisaa fi fayyadammumaa ummataa mirkaneesuu waan ta’eef dhimma filannoo biraa barbaadamuu miti. Hojjattoonni Manneen murtii gahumsaa fi bu’a qabeesuumma hojii mirkaneesuun tajajila qulqulina qabu kennuun ergama kennamef bahuuf dandeettii, beekumsa fi yeroo isaa hunda aarsaa gochuun iraa eegama.
3.MiidhaaKiraa-sassaabdummaa
A.  Gama Siyaasaatiin
Sababa olaantummaa sirna kiraa sassaabdummaatiin qabeenyi abbootii taayitaa fi dureeyyii muraasa harkatti kuufamuuf uummata bal’aan hiyyummaa fi gadootiif saaxila. Kunis namoonni hedduun qabeenya biyya isaa irraa fayyadamuu dadhabuu fi hiyyoomuu irraa kan ka’e jaalalli uummataa fi mootuummaa jidduu waan dhabamuuf addaan fageenya qaama lamaan jidduutti ni uuma.
Haaluma wal fakkaatuun, tasgabbii fi nageenya jeeqame keessatti mirgi diimookraasii fi dhala namaa waan kabajamuu hin dandeenyeef hawaasni amantaa dhaba.Kana malees sirni kiraa sassaabdummaa seeraa fi Qajeelfama Mootummaa Bu’aa dhabsiisa.Nageenyaa fi eegumsa uummata bal’aa fi kunuunsa naannootiif taasifamuu qabuu akka hin taasifamne taasisa.Kunis, haala jiruu fi jireenya hawaasa biyyattii irratti dhiibbaa hamaa qaqqabsiisa.
Hojjattoota manneen murtii fi abbootii seeraa tiif Matta’aa kennuun tajaajila fi murtii fudhachuun hawaasa keessatti cimanii akka babal’tu taasisa.Kun ammoo lammiileen harka qalleeyyii ta’an qabeenya karaa seeraan itti fayyadamuu irratti akka shakkii qabaatan taasisa.Kana malees, namoonni matta’aa laachuu hin dandeenyee fi carraa kiraa sassaabdummaan qabeenya argachuu hin dandeenye tajaajila seeraa argachuu danda’u irratti abdii akka dhaban taasisa.
Gochii fi ilaalchi kiraa sassaabdummaa geengoo hamaa fi walxaxaa uumuun mootummaan ariitiidhaan aangoo fi dandeettii faayidaa waliigalaa uummataaf ittiin hojjetu akka dhabu waan taasisuuf dhaqee dhaqee mirgoota dhala namaa dhiiba .Kiraa sassaabdummaan seerri tuffatame hacuuccaan mirga dhala namaa irra gahu adabbii malee akka hafuuf haala mijeessa. Kiraa sassaabdummaan yoo babal’atu mirgi dhala namummaa bu’uuraa fi bilisummaan sodaa jala galuun guddinni hawaas-dinagdee tilmaamamu (yaadamu) akka hin argamne kan taasisudha.
Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru humna guutuun hojii keessa akka hin gallee fi fudhatama ummata biratti qabu dhabsiisa.Kunis karoorri Mana hojii keenyaa fi akka waliigalaatti karoorri misoomaa akka galma hin geenye taasisa. Bakka karoorri misoomaa galma hin geenyeetti fi bakka olaantummaan  siyaas- dinagdee  kiraa sasaabdummaa iddoo qabataa deemutti ammoo, fedhiin hawaasaa galma waan hin ga’amneef uummanni amantaa inni mana murtii irraa qabu dhabsiisa..
B.       Gama dinagdeetin
iyya tokko keessatti malaammaltummaan yoo babal’ate galiin mootummaa seeraan akka hin sassaabamne gochuun diinagdee dadhabsiisa. Baajanni mootummaan bu’uura misoomaaf oolchuu qabu qixa sirriitiin akka hin ramadamnee fi hojiirra hin oolle taasisa.Bu’uurri misoomaa akka hin babal’annee fi qulqullina hin qabaanneef sababa guddaa ta’a.
Walumaagalatti, qabeenyi uummataa namoota muraasaan akka saamamuu fi guddinni diinagdee akka boodatti hafu, duuressaa fi hiyyeessa gidduutti garaagarummaan gar-malee akka bal’atuu fi hiyyumman akka dagaagu sababa ta’a.
Akkasumas, investimentiin akka hin babal’anne abbootiin qabeenyaa misoomawaa akka haamilee dhaban, maxxantoonni akka jajjabaatanii fi haala mijaawaa argatan taasiisuun guddina diinagdee biyyaa balaa guddaa irraan gahuu ni danda’a.
Galii mootummaa gadi buusuun ykn xiqqeessuun, kaayyoo fi kallattii misoomaa barbaadame akka hojiirra hin oolle taasisaa.Kunis, Maallaqa ykn baajata mootummaan sassaabamuu fi karoora misoomaa gara garaa fiixaan baasuuf ramadamu, keessumattuu fedhiin uummata bal’aa akka hin guutnee fi rakkoo hawaasummaa fi diinagdee furuuf ooluu hir’suun guddinni barbaadame akka hin dhufne taasisa.
Qabeenyi jiruu fi muraasa ta’e loogiin ramaduun kaayyoo fi kallattiin guddina hawaasaa, misoomaa-diinagdee fi fedhii uummataa akkasumas  dhimmoota bu’uura hawaasa bal’aa ta’aniif ooluu qabu daangessuun faayidaa namoota muraasaa irratti xiyyeeffachuun qabeenya muraasa biyyattii baasii gochuun faayidaa uummata bal’aafi akka hin oolle taasisuun miidhaa qaqqaabsiisa.
C.  Gama hawaasummaatiin
Gochii fi ilaalchi kiraa sassaabdummaa yoo dagaage hiyyummaa fi gadadoon akka cimu, hojii dhabdummaan akka babal’atu, tajaajilli mootummaan dhiheessu kan akka barnootaa, fayyaa, bishaan qulqulluu fi kkf akka dadhabuu fi qulqullina dhabu taasisa.
Jireenyi uummataa sadarkaa gadi aanaa irratti gadi kufuun uummanni rakkoo hawaasummaa kan akka doofummaa, fi kenninnisa tajaajila mootumma gaha ta’e argachuu dhabuun rakkoo hamataaf  saaxilamuun jireenyi hawaasummaa isaa irratti gaaffii keessa galuu ni danda’a.
Kanaafuu akka waliigalaatti  kaayyoon manneen murtii dhaabbataniif mirga,walabummaa fi dantaa dhuunfaa;sirna siyaasaa,diinagdee, hawaasummaa akkasumas fi Seeraa fi sirni eegamee nagaa, tasgabbii fi ol’aantummaa seeraa heera mootummaa naanoo fi fedraalaatiin mirkana’an kabachiisuu waan ta’eef bu’ura Aangoo manneen murtiif kennameetiin dhimmoonni gara mana murtii kan dhufan ta’uudhaan manneen murtii godina keenyaa miidhaalee kira sassaabdummaan kallattiilee armaan olitti ibsamaniin qabu hubachuudhaan guyyaa guyyaan hojii hojjannu keessatti ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun qabsoo kira sassaabdummaa irratti taasifamuuf ga’ee guddaa qabdu ba’achuu qabna.
3..Xinxala kira sassaabdummaan Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa keeaatti ilaalchisee
Ragaalee qaamolee mootummaa irraa kennaman keessattuu bulchiinsa gandaa, mana qopheessaa, waajjira lafaa fi eegumsa naannoo, hospitaalota, mana yaalaa fi kkf qulqullina hin qabne fi yeroo baay’ee soba kan ta’an xiyyeeffannoon itti kennamee qulqulleessuu irra fayidaa hin malleef fudhachuun murtii kennuu
Abbootiin seeraa tooko tokko Qabsoo yakka malaammaltummaa taasifamu ofitti fudhachuun akkaataa seerri ajajutti hirmaannaa fi gahee isaanii irraa eeggamu bahuu irratti biratti rincicni jiraachuu,
Ragaa dhiyaatu irraatti hundaa’uudhaan walfalmitoota ija walqixa ta’een ilaale murtessuun walqabate matta’aa fudhachuun,  Loogii fi firoommaan tajaajiluu,  abbaa dhimmaa xiqqeessuu fi salphisuu, dhaddacha jeequun walqabasiisuun aangoon gar malee fayyadamuun mirga namaa sarbuun (hidhuun) fi kkf kan jiran ta’u
Bilisummaa abbaa seerummaaf qabanitti haala hintaaneen itti fayyadamuun haqa jallisuun, hiikkaa  seeraa qajeeltoo seeraatiin ala hiikuu fi ragaa akkaataa seeraa irratti ifaatti ta’een ala madaaluun murtiiwwan miidhaa fayidaa ummataa fi mootummaa irratti qaqqabsiisan kennuu.
Murtiin kennaman darbee darbee sababa gaha hin taaneen lafa irra harkisamu, abbaa dhimmaa beellamaan deddeebisuu, firummaa fi fayidaan murtii kennuun kan mul’ataniidhaa.
Galmeen yakka malaammaltummaa irratti yeroo gabaaba keessatti murtii argachu dhabuu
Dhimmoota yakkaa gochoota walfakkaataa ta’aniif murti adabbii walfakkaataa ta’an akka murtaa’uu dambiin qajeelfama adabbii mana murti waliigala federaala baasee akka hojiirra ooluu tarkaanfiwwan addaa addaa fudhatamanis manneen murtii keenya tokko tokko bira hanqinni jiraachuu
Iddoo tokko tokkootti qulqullinaa himanna, falmii fi ragaa gahaa waan dhiyaate qofaaf murtii dhimmicha irratti kennamu tilmaama murtii yakkichaa ykn hariiroo hawaasichaa tilmaamaa ta’uun isaa sadarkaa rakkisaa irra kan gahe ta’uu.
Yeroo tokko tokko dhimmoota hariiroo hawwasa irratti murtiin walfaalleessaan addaa addaa eddoon itti kennaman kan jiran ta’uun
Hanqina dandeetti raawwachistummaa fi badiiwwan naamusaa hojjattootaa fi abbootii seeraatin walqabatee kan mul’atu fi ilaalchaa fi gocha kiraa sassabdummaan kan walqabatu ta’u.
Sirna tilmaamummaa murtiwwaan manneen murtiin kennaman keessatti mirkaneessu irratti hanqinni jiraachuu
Raga gahaa osoo hin jiraatin qabeenya ummataa fi mootummaa nama dhuunfaaf murteessuu,
Tajaajilli abbaa seerummaa ofisaroota seeraa fi hojjattoota deeggartokko tokko biratti miira ittigaafatamummaa hin qabu kunis:
Ø   Namoota naamusa gaarii hin qabne wajjiin ooluu,
Ø  Abbaa seeraati fi abbaa dhimmaa jidduutti akka dallaalatti tajaajilu,
Ø  Matta’aa abbaa dhimmaa irraa fudhachuu,
Ø  Abbootin dhimmaa abbootii seeraa bira akka hinqaqqabne gochuun, darbee darbee kan mul’ataniidha.
Ø  Rakkoolee kanaa olitti mudatanis ta’e tajaajila abbaa seerummaa  ummataaf kennuuf haqa qabeessa taasisuuf hanqinaalee keessoo fi ala mudatan furmaata seeraa itti kennuun olaantummaan seeraa fi bulchiinsi gaarii naannicha keessatti akka mirkaanaa’u taasisuuf qindaa’iini manneen murtii qaamoole haqaa kan biro wajjin dhimmoota waliin qooddatan irratti hojjachuun hanga ta’e fooyyaa’a ta’us bilisummaa manneen murtii fi abbaa seerummaa daangaa hin malle oli itti fayyadamuun seeraa haala hintaaneen hiikuufi fayidaa fi miira ummataa irratti miidhaa haala qaqqabsiissun hojjachuun,  murti haqa qabeessa hintaane kennuun rakkoowwan ilaalchaa fi gochoota kiraa sassabdummaan  darbee darbee manneen murtii tokko tokko biratti kan mulataniidha.
Ø  Walumaa galatti akka hanqinnaalee fi rakkoowwanitti dhimmoonni kana olitti ibsaman qaamoolee haqaaa kanneen biro wajjin kan waliin qooddatan akkuma jiranitti ta’anii maddoota kiraa sassabdummaa ta’uu isaanii kan agarsiisaniidha jechuun nidanda’ama.
4. Tooftaaalee kira sassaabdummaan ittiin maqsuu dandeenyu
Tooftaalee Kiraa Sassaabdummaan Itti Gogfamu Qopheessuu Ilaalchaa jijiiruuf tooftaawwaan hunda fayyadamuun qophii karooraa fi raawwii keesattii, gamaaggama karooraa keesattii, walgahii tokko shanee sadarka sadarkaan jiru kessatti ilaalcha fi gocha kiraa sasaabdummaa dadhabsiisuuf keessattuu  Leenjii fi waltajjii hubannoo uumuu yeroo gara garaatti fayyadamuu,
1.        Hojii koomunikeeshinii wal irraa hincinnee fayyadamuun Miidiyyaalee adda addaa ittifufiinsan gargaaramuu,
2.        Uummata akka qaama raayyaa murteesaa tokkootti fayyadamuun hirmaannaa isaa guddisuu Sirna ittigaafatammumaa fi iftoominaa sadarkaa hundattii mirkaneesuu,
3.        Waltajjii waldaalee hawwasaa,  waldaalee hooggumaa fi  mana marii sadarkaa adda addatti jijirutti fayyadamuu,
Waldaalee uummataa gara garaattii(darggagaoota,dubartootaa, barsiisota,kkf) fayyadamuu hubannoo isaanii gabbisaa deemuu,
4.        Gochaa fi ilaalcha kiraa sasaabdummaa irrattii maammilli yaada akka kennuuf haalduree barbaachisu hunda kennuu sakata’uun barbaachisaa dha. Kanaafis tooftaawaan gara garaa fayyadamuu dhan fakkeenyaaf waltajjii maamilaa uumuu, bargaaffii qopheesuu dhan sanduqaa yaadaa qopheesuu fi kkf. fayyadamuu dhan adda baasuun barbachisaa dha. Yaada kennamu irraa ka’uu dhan tarkaanfii sirreesaa fudhachaa fi sirreefama barbaachisuu gochuu dhan sirna duub deebii ittifufiinsa qabu driirsuun barbaachisaa dha.
5.        Tarsiimicha hojii irra oolchuuf akka gargaaru sirna deeggarsaa fi hordoffii cimaa driirsuu supervisionii, gabasaa ooditii, gabaasa mannen marii fi argannoowwan adda addaa fayyadamuu fi kkf hojii irra oolchuu,
6.         Gurmaa’insa raayyaa haqaa keessatti yeroo raawwwin  hojii karooraa madaalamuu fi gamaagamni hojii taasifamu  kiraa sasaabdummaan ajandaa marii fi tarsiimichi hojiitti jijiiramaa deemuu isaa madaalaa akka deeman gochuu,
7.         Hojii irra oolmaa Baajata Mootummaa ilaalchisee qabeenyii fi baajatni mootummaa tajaajila uummataaf akka oolu sirna iftoominaa diriirsuun barbaachisaa dha.Kanaafuu, baajatni mootummaa labsame kamiyyuu maaliif akka oolu, hagam akka ta’e, yoom hojii irra akka oolu ifatti beeksisuun barbachisaa dha.
8.         Gurmaa’iinsa mana hojii keessatti diriiree hojii keessa galchuun kan akka inispeekshinii, odiitii keesaa , fokaal personii riifoormii sadarkaa sadarkaan jiran  deeggrsaa itti fufiinsa qabu kennuun  hojiiiraa oolchuu dha.
5. Kira sassaabdummaa dhabamsiisuu keessatti Gahee Qaama Seera Hiikaa
Manneen murtii naannichaa dhimmoota aangoo naannooleef heera mootummaa oromiyaa akkasumas kan federaalaa irratti adda bahan labsaman irratti mirgootaa fi faayidaalee mootummaa fi ummata naannichaa tuqaman ofitti fudhachuun seeroota bahan kaayyoo seerichi tumameef galmaan gahuudhaaf hiika sirrii fi bu’a qabeessa ta’een hiikuun, murtii haqa qabeessaa ta’ee kennuutu irraa eeggama.
A.        Keessumattuu dhimmoota yakkaas ta’ee kan siviilii (hariiroo hawaasaa) faayidaa mootummaa fi ummata bal’aa xuqan, FKN; dhimmoota malaamaltummaan walqabatan;
B.       Waliigalteewwan gurguddoo kan akka projaktoota ijaarsaa, caalbaasii bittaa, invasmantii adda addaa,
C.         Waligalteewwan qabeenyaa, faayidaalee ummataa fi mootummaa, keessumattu, lafaan, maallaqaan, gibira(taaksii)n walqabatan, nageenya ummataa fi biyyaa fi walqabatan,
D.        Gochoota raawwii yakkaa malaammaltummaan abbooti aangoo, abootii qabeenyaa fi ittigaafatamtoota adda addaatin walqabatan fi dhimmoota kkf mana murti tti dhiyaatan xiyyeeffannaa addaa fi ofi’eeggannoo barbachisaa ta’e taasisuun akka irra jiraatu seericha dhimmoota kana bulchuufi to’achuuf bahan hiika sirrii ta’e, kaayyoo seerichi labsameef haala ittiin galmaa ga’uu danada’uun hiika itti kennuun murti qulqullina isaa eeggate kennuu qabu.
E.        maallaqni fi qabeenya mootummaa fi ummataa namoota dhuunfaatin, kiraa sassaabdootan, keessoo caasaalee isaa fi dhimmoota tajaajila abbaa seerummaa kennamurratti bakka xiyyeeffannoon cimaan manneen murtii fi abbaa seerummaa jirutti, gara kuteenyi qulqullinni murtii kennaniin, raawwachisaaniin taasifamutti, to’annoon Gama kanaan taasifamu to’annoo seeraa irratti hundaa’ee waan ta’eef manneen murtii bilisummaa isaanii eeggatan seeraa fi ragaa qofa irratti hundaa’aan murti kennuu irraa eeggama.
F.        Akkaataa barreeffama adda addaa irraa hubachuu danda’amutti, bilisummaa manneen murti jechuun bilisummaa abbootii seeraatti kan kenname ykn kabajame ennaa ta’u kunis dhimmoota akka institiyuttis ta’e akka dhuunfatti bilisummaa hojii abbaa seerummaa akkaataa seerri ajajutti hojjachuu isaanii dangeessuu irraa bilisa ta’uu qabu. Fkn. gochoota jiddu lixummaa qaama alaatin tajaajila abbaa seerummaa fi kan biroo kennan irratti dhiibbaa seeraan alaa isaan irratti taasifamu, gochoota caasalee mana murtichaa keessatti fi mataa isaaniitin gochoota al-naamusummaa ta’an; Matta’aan hojjachuu, firooman, loogidhaan, dhiibbadhaan, fi gochoota biro kiraa-sassabdummaa ta’aniirraa of bilisoomsaanii tajaajila kenninsa qulqullina murtii kennan irratti gahee ol’aanaa qaba.
G.       Tarsiimoo farra-kiraa sassaabdummaa dadhabsiisuuf bahe kanaa qixa sirrii ta’een duraan dursa keessoo isaanii ilaalcha fi gochoota kiraa sassabdummaa fi malaamaltummaa irraa akkaataa bilisa ta’anitti gara kuteenyan hojjachuu qabu. Tajajila abbaa seerummaa fi kan biroo kennan keessatti, naamusaa gaarii, dandeettii fi haala mijaa’ina iddoo hojii fi kan walqabatan Qaamoolee mootummaa kan birootif fakkeenya gaarii ta’uutu irraa eeggama.
H.       Bu’uruma kanaan manneen murtii dhimmoota kiraa saassabdummaa dhan walqabatan, keessumattuu dhimmoota mallaqaa fi qabeenyaa mootummaa fi ummataa; yammuu qorachuuf gaaffiin qorannaan walqabatan dhiyaatanii, himatni dhiyaataniifi falmiiwwan gaggeeffamanii, ragaan madaalamuu, seerootni yakka malaamaltummaa to’achuu fi bulchuuf bahan hiikni abbaa seerummaa itti kennaman,
I.         Walumaagalatti, haaloota umaama, raawwii fi amala addaa gochoota malaamaltummaa fi kiraa sassaabdumman qabu xiyyeeffannaa addaa itti kennuudhaan murti gahaa, seera qabeessaa, ariifachisaa fi barsiisaa ta’e itti kennuudhaan tarsiimoo farra-kiraa sassabdummaa  hojiirraa oolchuu irratti gahe ol’aanaa qaba.
6.  Gahee Uummataa
Yeroo ammaa olaantummaan siyaas dinagdee kiraa sasaabdummaa kan mo’aachuun danda’amu, jijiirama siyaas dinagdee misomawaa jalqabne kana yoo milkeesuu dandeenye qofa dha. Jijjiiramni siyaas dinagdee amma jalqabne kun kan milkaa’uu danda’uu immoo qaama hawaasaa miidhaa maalee fayyidaa tokkollee kan hin argannee kana bifa ijaaramee fi qindaa’een yoo sochii keesa galchine qofa dha. Qaamni hawaasaa bal’aa kun immoo hawaasa galii xiqqaa qabani sadarkaa badiyyaa fi magaalaatti jiraatan gurmeesuu fi ijaaruun kan galma gahuu dha.
Kiraa sasaabdummaan adeemsa qoodiinsa qabenyaa uummataa fi mootummaa gara namoota  dhunfaa xiqaattii akka duufu waan godhuuf gahumsa faayyidaa uummataa bala’aaf ta’u danda’uu hinqabu. Kanaafuu  hiyyummaan caalmaan balaa sirnichaa ta’ee akka itti fufu gochuu fi uumurii isaa dheerefachuuf tataaffii wal irraa hin cinne gochaa jira.
Waan kan ta’eef uummata bal’aa ijaaruun gama tokkoon filannoo siyaas dinagdee misoomawaa fi dimookratwaa kanattii fayyadamuu dhan misooma keessattii caalmaan akka hirmaatu fi akka fayyadamu gochuuf kallattii mootummaa akka hordofee socho’uu gochuu dha. Gama kan biraatiin kiraa sasaabdummaa dadhabsiisuuf ijaarsa raayyaa gama hundaan ijaarametti damaqinaan hirmaachuun irraa eegama.
Keessattuu hawwasni keenyaa tarsiimoo fi immaamata mootummaan baasee irraa fayyaadamaa ta’uu isaa yeroo yeroon odeeffannoo akka argatu gochuun, yaada isaa akka ibsu gochuun, fayyadammumaa isaa irratti hudhaa fi bal’aa sirnichaa kan ta’ee kiraa sasaabdumma irratii hubannoo isaa akka gabbifatu gocuu fi raaayyaa ijaarame keesaatti akka ajandaatti qabatee akka socho’uu gochuu dha
Raayyaa misoomaa sadarkaa sadarkaan ijaarame keessatti akkasumas Raayyaa seektara magaalaa sadarkaa adda addaa ijaarame keesaatti kiraa sasaabdummaan ajandaa ummataa ta’ee akka irratti mari’atamu  gochuu.
Manneen marii uummataa sadarkaa gandaa, aanaa , naannoo fi magaalattii damaqinaan hirmaachisuun, keessattuu Waldaalee hawaasaa kan akka waldaa, waldaa darggagootaa, waldaa dubartootaa, waldaa amantootaa, Abbootii Gadaa fi waldaalee hooggumaa kan akka waldaa barsiisotaa kkf keesaatti  hubannoo uumuun ajandaa marii fi furmaataa akka ta’u gochuu.
Dhaabbilen miidyaa gara garaa hawwaasa fi waldaaleen kiraa sasaabdummaa dadhabsiisuu keessatti gahee akka taphatan barsiisuun oddeeffannoo kennuu fi fudhachuun hirmaannaa uummataa sadarkaa hundatti akka ittifufiinsa qabaatu gochuun irraa eeggama.







Lakk.
Gosa Tajaajilaa
Kaffaltii Tajaajilaa
Mana Murtii Tajaajila Kennu
Yeroo Tajaajilli Itti Kennamu
wataa Tajaajila Kennu

    1
Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Falmii Idileen Ilaallaman:
Akkaataa Dambii lakk.45/75 tiin raawwatama
Ragaa dhihaatuun bilisaan Banama
Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha dhaga’uun
 Mana Murtii dhimmicha ol’iyyaannoon dhaga’uun
Baatii Sadii(3) yeroo Hin caalle keessatti
Abbootii Seeraa 
Garee Hariiroo hawaasaa tiin




1.1
Falmii Abbaa qabeenyumaa fi Abbaa Qabiyyummaa ilaalchisee dhihaatuuf murtii kennuu.

1.2
Walfalmii Gaaffii Beenyaa fi Badhaadhina Seeraan Alaa irratti bu’ureffatee dhihaatuuf Murtii Kennuu.
Akkaataa Dambii lakk.45/75 tiin raawwatama
Ragaa dhihaatuun bilisaan Banama
 M/Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha dhaga’uun
 M/Murtii dhimmicha ol’iyyaannoon dhaga’uun
Baatii Sadii (3) yeroo Hin caalle keessatti
Abbootii Seeraa
 Garee Hariiroo hawaasaa tiin

1.3
Walfalmii Waliigaltee Adda addaa(contract) irratti bu’ureffamee dhihaatuuf Murtii kennuu

1.4
Wal- Falmii Dhimma maatii waliin wal qabbatee dhihaatuuf murtii kenuu.
Akkaataa Dambii lakk.45/75 tiin raawwatama

Ragaa dhihaatuun bilisaan Banama
 M/Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha dhaga’uun
 M/Murtii dhimmicha ol’iyyaannoon dhaga’uun
Baatii Sadii(3) yeroo Hin caalle keessatti
Abbootii Seeraa 
Garee Hariiroo hawaasaa tiin




1.5
 Walfalmii Hojjataa fi hojjachiisaan waliin qabatee dhihaatuuf murtii kennuu.

1.6
Walfalmii Qabeenya dhaalamuun walqabatee dhihaatuuf murtii kennuu fi kkf.

2
Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Sirna Falmii Gabaabaan Ilaallaman
Akkaataa Dambii lakk.45/75 tiin raawwatama

Ragaa dhihaatuun bilisaan Banama
 M/Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha dhaga’uun

 M/Murtii dhimmicha ol’iyyaannoon dhaga’uun
Baatii lama (2) yeroo Hin caalle keessatti
Abbootii Seeraa 
Garee Hariiroo hawaasaa tiin

2.1
Gaaffii maallaqa waliigaltee irratte bu’ureffamee dhihaatu kan akka:
§     Sanada Maallaqni narra jira jechuun waadaa galame ilaalchisee dhihaatuuf murtii kennuu.
§     Gaaffii maalaqa irratti hundaa’ee dhihaatuuf murtii kennuu
§   Waraqaa hawaalaa abbaa idaa ta’uu agarsiisuuf murtii kennuu
§   Herreega sanadaan qulqullaa’ee dhihaateef murtii kennuu fi


Dhimmoota Harriiroo Hawaasaa Sirna Ariifachiisaan ilaallaman
Akkaataa Dambii lakk.45/75 tiin raawwatama fi Ragaa dhihaatuun bilisaan Banama
 M/Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha dhaga’uun fi M/Murtii dhimmicha ol’iyyaannoon dhaga’uun
Baatii Tokko(1) yeroo Hin caalle keessatti
Abbootii Seeraa 
Garee Hariiroo hawaasaa tiin


3.1
Jijjiiraa Maqaa akka raawwatamuuf  gaaffii dhihaatu
3.2
Gaa’ila Raawwachuuf Hayyama Gaafatamuuf Murtii kennamu


3.3
Gaa’illi akka hin raawwatamneef mormii dhihaatuuf murtii kennamu

3.4
Waliigalteen fuudhaa fi heerumaa galmee kabajaa irratti akka galmaa’uuf gaaffii dhihaatu

3.5
 Hundeeffama waldaalee adda addaa  galmee dhimmi ilaalu irratti galmaa’uun beekamtii akka qabataniif gaaffaii dhihaatuuf murtii kennuu
Akkaataa Dambii lakk.45/75 tiin raawwatama
Ragaa dhihaatuun bilisaan Banama
M/Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha dhaga’uun
 M/Murtii dhimmicha ol’iyyaannoon dhaga’uun
Baatii Tokko(1) yeroo Hin caalle keessatti
Abbootii Seeraa
 Garee Hariiroo hawaasaa tiin


3.6
Dhaaltummaa mirkaneessuuf gaaffii dhihaatuuf murtii kennuu

3.7
Dhaaltummaa haqsiisuuf gaaffii dhihaatuu fi kkf

4
Tajaajila biroo dhimmoota armaan oliin wal qabatee kennamu












4.1
Garagalcha galmee ol’iyyannoo irratti gaafatame,garagalcha murtii fi ajajaa galmee raawwii irratti kenname qulqullinaan  kennuu
 Akkaataa Dambii lakk.45/75tiin raawwatama
  Ragaa dhihaatuun bilisaan banama

Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun
Daqiiqaa 45 keessatti
Raawwataa7
Galmee Cufamaniin

4.2
Bu’aa galmee qorannoof beellamame abbaa dhimmaatti haala namaa galuun dhaddacha ifaan himuu.(ajaja, Murtii,ykn jal murtii)
       Hin qabu
Haaluma yeroo dhubbisuun fixuun
A/seeraa garee
 H/Hawaasaatiin

4.3
Dhorkaan akka kennamu ykn akka ka’u gaaffiin akkuma dhihaateen galmee dhimmi ilaalutti qabsiisuuf a/seeraaf dhiheessuu.
 Akkaataa Dambii lakk.45/75tiin raawwatama
  Ragaa dhihaatuun bilisaan banama
Daqiiqaa 30 yeroo hin caalle keessatti
O/seeraa Garee
H/hawaasaatiin

Lakk.
Gosa Tajaajilaa
Kaffaltii tajaajilaa
Mana Murtii Tajaajila kennu
Yeroo Tajaajilli itti  kenna.
Raawwataa tajaajila kennu

1
Yakkoota Ciccimoo



1.1

Yakkoota Adabbii hidhaa ka’umsa waggaa 1 hanga du’aa adabsiisan bu’ureffachuun himannaa dhihaatuuf murtii kennuu,FKN:
         Yakka Ajjeechaa Namaa
       Yakka Malaammaltummaa
       Yakka Kontrobaandii
       Yakka Saamichaa
       Yakka miidhaa qaama namaa irratti qaqqabsiisuu
       Yakka galii gibiraa fi taaksii  irratti raawwatamu
       Yakka Bosona irratti raawwatamu
       Yakka dubartoota irratti raawwatamu
       Yakka Daa’imman irratti raawwatamu

 Akkaataa Dambii lakk.45/75tiin raawwatama
         Ragaa dhihaatuun bilisaan banama

Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun


Baatii Sadii yeroo hin caalle keessatti

Abbaatii Seeraa
garee dhimma yakkaa

2
Yakkoota Salphaa


2.1
Yakkoota Adabbii hidhaa Ka’umsaa Guyyaa Kudhanii Hanga Waggaa sadii bu’ureffachuun himannaa dhihaatuuf murtii kennuu,
 FKN:yakkoota bu’uraalee misoomaa irratti raawwataman ( Bishaan, ibsaa, teeleekoominikeeshinii,daandii fi kkf.)
 Akkaataa Dambii lakk.45/7
5tiin raawwatama
  Ragaa dhihaatuun bilisaan banama

Mana Murtii Sadarkaa
Jalqabaatti
 dhimmicha ilaaluu
 fi ol’iyyannoon
  Dhimmicha ilaaluun

Abbaatii Seeraa garee dhimma yakka

3
Yakkoota Dambii darbuu


3.1                 Yakkoota Adabbii hidhaa Ka’umsaa Guyyaa                                           Tokkoo(1) Hanga baatii                  sadii(3)       bu’ureffachuun himannaa dhihaatuuf murtii                         kennuu,
 Akkaataa Dambii lakk.45/75tiin raawwatama
         Ragaa dhihaatuun bilisaan banama
Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun
Baatii Tokko yeroo hin caalle keessatti
Abbootii seeraa garee dhimma yakkaan

4

Tajaajila biroo dhimmmoota armaan olii waliin wal qabatee kkennamu
Akkaataa Dambii lakk.45/75tiin raawwatama
         Ragaa dhihaatuun bilisaan banama

Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun


Daqiiqaa 30 keessatti
Ofiisara Seeraa agaree dhimma yakkaatiin

4.1
Ajaja Waamichaa, sakatta’insaa,qabiinsaa, hidhaa irraa akka gadi lakkifamuu, mana sirreessaa ykn waajjira poolisii tursiisuu, ajaja ragaan akka  dhihaatu ajajame bahii gaochuu

4.2
Gaaffiilee beellama yeroo,mirga wabii ajaja sakatta’insaa,ajaja sakata’insaa , jecha amantaa akka fuudhamuu fi dhimmoota RTD dhaan dhihaatan ilaalchisee fala itti kennuu.
Akkaataa Dambii lakk.45/75tiin raawwatama
Ragaa dhihaatuun bilisaan banama

Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun
Sa’atii 48 keessatti
A/seeraa Garee dhimmaYakkaa

4.3
Maallaqa wabummaaf qabame abba dhimmaaf akka deebi’u ajajame raawwachuu
Hin qabu
Daqiiqaa 30 keessatti
Ofiisaraseeraa gareedhimmyak

4.4
Karooraan(amaakkiroon) mana amala sirreessaa keessaa ba’uuf gaaffii dhihaatu raawwachuu
Hin qabu

Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun
Daqiiqaa 45(afurtamii shan) keessatti
Ofiisara seeraa garee
 dhimma yakkaa

4.5
Himata kallattii fi iyyannoo eeyyamsiisaa  dhihaatu ulaagaa guutuu isaa qulqulleessuun galmee banuu ,beellama kennuu fi ajaja yaamichaa bahii gochuu
Hin qabu

Daqiiqaa (25)digdamii shan keessatti
O/seeraa garee 
dhimma Yakkaa

4.6
Garagalcha Galmee ol’iyyannoon irratti gaafatamee fi garagalcha Murtii qulqullinaan kennuu
Hin qabu

Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaatti dhimmicha ilaaluu  fi ol’iyyannoon  Dhimmicha ilaaluun
Saa’tii tokko(1) yeroo hin caalle keessatti
Raawwattoota
galmee cufamaniin

4.7
Bu’aa galmee qorannoof beellamamee abbaa dhimmaatti haala namaa galuu danda’uun dhaddacha ifaan himuu( ajaja, Murii ykn jala murtii)
Hin qabu

Hanga yeroo dubbisni fixee
Abbootii seeraa dhimma garee yakkaa













































                                                                                                             

ABOUT THE GUJI ZONE HIGH COURT